BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Qindoominni Sa'udiin biyyoota ollaa waliin goote Itoophiyaaf maal akeeka?
Sa'udiin Masriifi biyyoota ollaa Itoophiyaa ofitti dabaluun qindoomina waraanaa Galaana Diimaa balaarraa tiksuuf kaayyeffate ijaaruu dhihoo beeksisteetti.
Abukaatoon Obbo Taayyeefi hogganoonni siyaasaa IHAAPPAA to'ataman 'shororkeessummaan' himataman
Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa fi namoonni biroo lama hoggansa Paartii Warraaqsaa Ummata Itoophiyaa (IHAAPPAA) tahan hidhattoota waliin tahuun biyya keessatti jeequmsa kaasuuf hojjechaa jirtu jedhamuun yakka shororkeessummaan himatamuu gabaafame.
Iraan Ulaa Hormuuz ilaalchisee waliigalteen Omaan waliin gootu sadarkaa dhumaarra gahuu ibsite
Iraan imala Ulaa Hormuuz irraa ilaalchisee Omaan waliin waliigalteerra gahuu himte. Dubbii himaan Ministeera dhimma alaa Ismaa'el Baageeh dhimma kanarratti ibsa bal'aa hin kennine, garuu "boqonnaa dhumaarra gahe' jedhan.
Obbo Tawoldee G/Maariyaam Daandii Indiyaa hoogganuuf muudaman
Hojii Gaggeessaan olaanaa duraanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Tawoldee G/Maariyaam Daandii Qilleensa Indiyaa hoogganuuf muudaman.
KALLATTIIN, Iraan yoo US haleellaa haaraa eegalte biyyoota Galoo Galaanaa haleeluuf doorsiste
Iraan haleellaan US raawwattu biyyoota Galoo Galaanaa haleellaaf saaxila jechuun, biyyoonni kunneen akka Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp karaa marii dippiloomaasiitti deebi'u akka gorsan akeekkachiiste.
Humnoota Puuntilaand fi waraana mootummaa Somaaliyaa gidduutti lolli cimaan gaggeeffame
Humnoota Puuntlaandifi loltoota mootummaa Somaaliyaa wajjin hidhata qabu jedhaman gidduutti lolli cimaan dhalachuun gabaafame.
Gorsaan Tiraamp Ertiraa waliin waan biyyoota ollaa miidhu hin mari'anne, Itoophiyaa waliin michummaa gaarii qabna jedhan
Bulchiinsi Tiraamp dhimmoota nageenya naannoo irratti Itoophiyaa waliin hariiroo dippiloomaasii gaarii uumee hojjechaa jiraachuu qodaalli US himan.
Rokkeettiin 'SpaceX' addeessatti bu'uuf imalaa jiraachuun yaaddoo uume
Qaamni rokkeettii 'SpaxX Falcon' jedhamuu cabuun galgala kana ji'a ykn adeessatti bu'uuf jedha.
Booranatti manaajarri gandaa lammiilee Keeniyaaf waraqaa eenyummaa kenne hidhaa cimaan adabame
Godina Booranaa Magaalaa Mooyyaleetti namni ''manaajara gandaa ture'' lammiilee Keeniyaaf waraqaa eenyummaa kennuun erga yakkamaa ta'uunsaa mirkanaa'ee booda hidhaa waggaa 18 fi birrii kuma 5n adabame.
Karra eegaan Keep Verdee, Voozinaan, kileba Chiilii Kooloo Kooloo jedhamuuf mallatteesse
Karra eegaan Keep Verdee Waancaa Addunyaa irratti gahumsa ajaa'ibaa agarsiisuun jaalattoota kubba miilaa raajeffachiise kileba Chiilii Kooloo Kooloo jedhamuuf mallatteessise.
Tiraamp Hormuuz yeroo dhihootti hin banamu taanaan 'haleellaa cimaatu' Iraan mudata jechuun dhaadate
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz yeroo dhihootti hin banamu taanaan haleellaa hamaan Iraan mudata jechuun dhaadateera. Tiraamp akeekkachiisa kana kennuu dura gatiin boba'aa gadi bu'uu ture. Qataar ammoo mariin nagaa US fi Iraan haala gaariin deemaa jiraachuu ibsiteetti.
Gara Ameerikaa imaluuf yaada qabduu? Itoophiyaanotatti maallaqi dabalame
Lammiileen Itoophiyaa imalaaf gara Yunaayitid Isteet yeroo imalan maallaqa dura gaafatamanirraa dabalataan akka gaafataman ta'u qajeelfamni haaraa bahe mul'ise.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Walitti bu'insi waraana Itoophiyaafi humnoota Tigiraay maalirra gahe?
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi humnooti Tigraay guyyaa Sambataa ganama Lixa Tigraay bakka Shararinaa jedhamutti walitti bu'aniiru.
Viidiyoo, Qocolloon Sa'uudii fi Iraan gara waraana kallattiitti ce'uu danda'aa?
Saa'udiin yeroo baayyee lola US, Israa'eliifi Iraan keessaa harka galfachuu dhiisuun of eeggataa turte.
Viidiyoo, Qabiyyeen wallee haaraa Andu’aalam Gosaa maali?
Kuni waggaa dura du'a jaalallee isaa Qananii Addunyaan shakkamee dhimmi isaa seeraan ilaalamuu jalqabee hojii jalqabaa ummatatti itti bahudha.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Raayyaan Itoophiyaafi humnoonni Tigraay dhihoo daangaa Sudaanitti walitti bu'an
Kaaba baha Itoophiyaa bakkee Sudaan daangessutti waraana mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti Sambata ganama walitti bu'iinsi mudachuu maddeen garagaraa dubbatan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Ameerikaan keessatti hirmaachuu feetu
Itoophiyaan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu Afrikaa keessatti isa guddicha ta'a jedhame dhiheenya magaalaa Bishooftuutti ijaaraa jirti.
Hidhamtoota Itoophiyaa Sawudiitti du'a eeggatan sagalee isaanii dhageessisuuf BBCtti bilbilatan
Lammiin Itoophiyaa tokko mana hidhaa keessaa yeroo BBC'f bilbilee sagalee isaa dhaggeesisu adaraa nu oolchaa jedhe.
Gorsaan Tiraamp mariin Kaayirootti taasisan ''farra Itoophiyaa'' miti jedhan
Gorsaa olaanaa dhimma Arabaafi biyyoota Kaaba Afrikaa Pirezidant Tiraamp kan ta'an Maasaad Buloos dhihoo Kaayiroo keessatti ministiroota dhimma alaa Masrii, Ertiraafi Somaaliyaa waliin mari'ataniiru.
Lammiileen Itoophiyaa Sa'udi Arabiyaan du'aan adabde 20 gahan
Sa'udi Arabiyaan lammiilee Itoophiyaa dabalataa sadi du'aan adabuu ishee miidiyaan mootummaa biyyattii gabaase.
Shakkamtootni Finfinneetti Qiddusaan Yirgaalam ukkaamsuun ajjeesan, yakkicha raawwachuu amanuu poolisiin ibse
Ajjeechaa obboleettii hangafaa Ruut Yirgaalam hordofee hiriyaa Ruut dabalatee shakkamtoota kudhan to'achuusaa Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.
Dubartoonni Itoophiyaa %55 haadha warraa reebuuf sababii 'gahaan' jira jedhanii amanu
Itoophiyaatti dubartoonni dhibbeentaa 50 ol abbaan warraa haadha warraa reebuuf sababa gahaa qabaachuu danda'a jedhanii akka amanan qorannoon Tajaajila Istaastiksii Itoophiyaa mul'ise.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa rakkoo siyaasaa maaf humnaan furuuf yaalaa turan?
Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabdu taatus rakkoo siyaasaa barootaf ishee sakaale furattee ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffachuu hin dandeenye. Mootummoonni Itoophiyaa yeroo heddu karaa nagaa osoo hin taane waraanan, fonqolchaan ykn warraaqsa uummataan aangoo gadi lakkisu.
Kongireensii Federalawaa Oromoo fi ABO-WBO Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru irratti maal jedhan?
Yeroo mootummaan Itoophiyaa mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf murteessaa ta'e gara xumurarra ga'eera jedhutti, namootni siyaasaa fi paartileen mormitoota Oromoo qeeqaa adda addaa dhiyeessaa jiru.
Buufanni Asab akkamiin waggoota 30tti siqaniif onee hafe?
Itoophiyaan hanga bara 1993 ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu qabdi ture. Buufanni doonii Asab handaara galaanichaa diimaarra jiru itti baha galaanaa Itoophiyaa ture.
Ispoortii
Karoorri FIFAn Waancaa Addunyaa gurguruuf baase maaliif falmii kaase
Pirezedaantin waldaa Kubbaa miilaa Idil Addunyaa (FIFA) Jiyaanii Infaantiinoon karoora gahee biizinesii Waancaa Addunyaa abbootii qabeenyaatti gurguruuf qabame haquu ifoomsaniiru.
Waa'ee cidha Kiristaanoo Roonaaldoo fi Joorjinaa tibbana jedhamee maal beekna?
Kiristaanoo Roonaaldoo haadha ijoollee isaa Joorjiinaa waliin gara waggaa 10 erga jaalalaan turee ishee fuudhuuf akka jehdu himame.
Leenjisaan Norwich Siitii waa'ee miidhama Alii Ahmad dubbate
Taphataa hiddisaa Oromoo lammii Kanaadaa ta'e Alii Ahmad Waancaa Addunyaa 2026 booda tapha jalqabaa kilabasaa Norwich Siitiif taphaterratti miidhamee dirree keessaa ba'e.
Oduu jijjiirraa taphattootaa: Arsenaal Gimaarezh waliin waliigale, kaanis
Arsenaal fi Niw Kaasil Biruunoo Gimaarezh irratti waliigalan, Intar Miilaan Kartis Joons barbaacha itti fufeera.
FIFAn biyyoota karoora falmisiisaa haaraa deeggaraniif doolaara mil 40 dhiheesse, karoorri kun maali?
Pirezidantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoo xalayaa miseensota dhaabbatichaa 211 ta'an hundatti barreesseen biyyoonni karoora haaraa deeggaran doolaara miiliyoona 40 akka argatan ibseera.
Ijoolleen Itoophiyaa 20 akkamiin Siwiidinitti miliqanii hafan?
Ijoolleen Itoophiyaa dorgommii guddattootaa Siwiidinitti waggaa waggaan gaggeeffamu irratti hirmaatan 20 ta'an dursitoota garee isaanii waliin baduu gabaafame.
Waaqa kadhadhaa yookiin kubba daawwadhaa jedhan pirezidaantiin FIFA
Pirezidaantiin Fifa Jiyaanii Infaantiinoo ''haga jibba facaastan waaqa kadhadhaa, ykn kubbaa daawwadhaa'' jechuun namoota isaan qeeqaniif dhaaman.
Arsenaal Vinishiyees Juuner mallattesisuuf waliigaleeraa?
Arsenaal taphataa Riyaal Maadirid Viinishiyees Juuner mallattesisuu akka barbaadu gabaafame.
Faabiyaan Ruyizii fi Gaavii Ispeen waliin waancaa waan mo'ataniif kennaa timaatimaa argatan
Ispeen Waancaa Addunyaa mo'attee erga galtee taphattoonni kennaa adda addaa argachaa jiru. Akka mootummaattis biyyoonni taphattoota isaanii injifannoon galaniif kennaa qopheessaan jiru.
Miidhama Saalibaa, gurgurtaa Odeegaardii fi Buruunoo Fernaandez- Oduu jijjiirraa
Liiverpuul taphataa Liiverpuul Biraadilii Baarkolaa mallatteesisuuf akka abdii guutuu qabu ibse.
FIFA'n lola gareen Arjentiinaa tapha booda eegale qorachuu eegale
Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa booda wal aansoofi lola dirree keessa mudateerratti qorannoo eegaluu FIFA'n mirkaneesse.
Waan sirriitu ta'ee? Ispeen Waancaa Addunyaa fudhachuun ni malaafi?
Xumura Waancaa Addunyaarratti Ispeen Arjantiinaatiin injifachuun 'kubbaa miilaaf injifannoodha' jechuun salphaa ta'a.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.








































































































