0% found this document useful (0 votes)
158 views33 pages

Shanii Walaloo

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1/ 33

"" Ayiiiiiiiiiiiii!!!!!

’’''je'e,Caammaan, Ummatumaan ani waggaa meeqaatam gorsaan


walitti qabuu dadhabe, goorsaan guyya tokkotti wali qabanii mii kunoo!!! harkaan
afaan qabatee.
Ummata keenya kana baaneeti, ka gaafa nagayaa gaaddisatti wali dhufuu didee, eega
uleen feeddegamanii aagibaawan booda, aduu haffiggaa keesssatti isaanii dirree,
dirree maasharaa fakkaattu,tan mukni tokko irra hin jirretti walibqabamee aduun
suuraa namaa irraa ooftee waan biroo fafakkaatanii tattaa'utti deemaa dhufee.
Kuni gaa suduudaan wanni ibsu, tolaan waliif abboomuu caalaa,tumamaa ambaaf
abboomuutu irra nu gammachiisaadha.
Kuni gaa dhugaa guddoo tahuu isii,
Nama qalbiin laaleef, taligaa jireenyaa tan guyyaa guyyaan gaggeeffamaa jirtu,
kanneen akka:taligaa siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fii tajaajiloota jiran hunda
keessatti mudannoo guyyaan guyyaati.
Dhukkuba daddabraa saayinsiin hin qoratin, kan addatti ummata bahaa qofa miidhaa
turee fii ammaas miidhaa jiru , dhibee xiqqaa fii guddaan keenyaas irraa fayyuu
dadhabne kanaa jechuudha
Walii quudhuu dhabuudhaan
Hammam akka miidhamne
Hidhaan ofiif wal hiinee
Ammallee nurraan hiikamne
Bittim nu gootan kunoo
Osoon jaaramin diigamnee
Hinaaffaan wal hin jeeqinaa
Lakkii!!! jarana dhiisaa
Osoo jennee waywaannuu
Wal hudhee wal bukkee ciisa
Baaragaan bakkan filatu
Biifeeti hunda jiisa
Dubbii caayaa ambaatiif
Duursee sii taha jaarsa
Gaafa mana si galte
Maaltu akka si aarsa?
Wanni haarayni dhufnaan
Dura sii dibbee tumaa
Qeebaltiin hanqannaaniif
Sumaatu dura dhuma
Guuz kadiir taatee fiigdee
Daree ambaa sii oolcha
Aanaa kee rakkoon qabnaan
Dursee sii awwaala tolcha
Gurra qalbitti qaawuun
Amma yoo na dhageesse
Itti rafiitii laalii
Tilmaami mee bakka geesse
Suma rukutaa beeki
Dhagaan darbitu teessee
DHIIGA DHIIGAAF

Yoo ibsu wallisaan


Hanga wal jaalatu
Waan kennuun dandahamu
Wal duuba hin kaayatu
Akkas jedhe kunoo
Gaafa dhugaan baatu
Silaa siifiin kennaa
Lubbuun kennaa hin taatu
Dhiiga koon sii laadha
Abshir humaan taatu
Osoon dhiiga qabuu
Kan yoo muramne yaatu
Abadan dhiiga dhabaan
lubbuun takkalleen hin baatu
Dilasii miti !?
Maqaa waloon didichee
Yoo nuuf roobellee jiirkaan
Qixaan nuuf hin qoodamu
Qicee nuu raabsa biirkaan
Dhiira duursee akeekee
Olbaasee isa beeksise
Hireen itti jallannaan
Waardiyyaa isa eegsise
Hireen tuni fallaanaa
Hanguma kutte fuuti
Dirqiiin irratti guurtuus
Cinaachaan sirraa buuti
Ati silaa gaaruma
Miira ofii too'achuun
Abbaa geebaa sin gootu
Koodee ofii moo'achuun
Qalamni waan hayyoomsu
Ilma uumamni doofaa
Dilasii miti baratuus
Buuca si keessa oofaa
Duubni Naanno!!!

Keessa koo hin beektuum silaa


Keesssa qabattee naaf laattee
Tuttuqxee na dadhabnaan
Fira keessaan na nyaattee
Kiiloo koo bareecheen beeka
Kee baruuf maaliifiin dhama'a
Ulaagaan ulfinaan saffarru
Teessumaan wal dhabuu danda'a
Teessoof keessoon koo wal qixa
Hanga sirrii qabaannaan na ga'a
Yoo miiccee micciirtees sanuma
Qulqqulluu yoo dhiqte,xuriin eessaahi ba'aa ?
Kan na baasu waaqa ,kan na buusuus isa
Harki kee keessa hin jiru,kana yoomuu nan ja'a
Madaalli kee yoo sirratees
Ulfina koorratti maal ida'aa ?
Yoo dabees humaan hir'isu
Hangi koo achuma taa'a
Boombaan yaasuuf uumame
Booruus,qulqqulluus numa yaasa
Dhugamuufii dhiifamuu saa garuu
Maddasaatu addaan nuuf baasa
BUTEE FIIGAA

Butee fiigaa waa nu dhibee


Abbaan ilmoo akkeessu
Waa abbaa miti daaddaa Dorgomaa kee dagattee
Goftaan gabrichaan dorgoomu Deeggaraa ofii shakkaa
Guftaa marachuu ni kaaddaa ? Waliin riqicha taata malee
Qaamni silaa siin mormu Ceetee hin geessu bakka
Osoo jiraatuu baddaa Murteessaa osoo hin taane
Ati lagaa boorattee Hin barbaadinaa mee yakka
Kaan bante kaan qadaaddaa Abbaa ijji hedduutu
Bakki itti ilaammattuu fii Barbaadullee waa arkaa
Bakki dhooytu wal adda
Iddoo siin malu dhiistee
Tan sii gadiitiif aaddaa
Garadii fii joollee mootee
Beekkamtii heluu barbaadda
Osoo hin dorgoomin asiin
Moohamuu keettiin gadda
Osoo riqicha taanuufii
Fuul dura oofuuf isa
Nurra ejjetee cehuu dhiisee
Dhufee nuu wajji ciisa
Namni waliin dorgooman
Nutti fayyadamee cehaa
Inni yoom kana yaada
Waa dhoksuuf ciifne sehaa
Qalbii darreen jalqabnaan
Hin daabrtu walakkaa
SHEEK AADAM TUULAA

Eega rabbiin fudhate


Sheekhota sheekkawwanii
Daa'awaa nutti baate kaa
Sheeyxaanni sheeyxaanowwanii
Olii gad nu yaasan kaa
Akka bobbaa loowwanii
Nu halawwachiisuufi dheebuun
Horallee nu dhoowwanii
Akkasitti wal baasu
Nuuf qilinxoo hawwanii
Kitaaba sheeyxaanaarraa
Harfii nu lakkaawanii
Mixaaxarra nu kaayanii
Gubanii nu akaawanii
Kokkoflaa cilaawuudha kaa
Keenya kana dawaanii
Gaafuma hamtuun dhufu
Maqaa keenya dhawanii
Waanuma akkasiitiin
Of jalaa nu dhawanii
Tola tokkoollee hin qabu
Kanumaafi da'aawaanii
DUBBIIN OLUMARRAAHI

Waa beekuun qofti


Yoom mala siif dhooyti
Yoo asiin qoybitees
Gamasiin sitti qooytii
Dhukkuba keenya beeknee
Wallaanuuf orma eegnee
Kanaaf kulkulfachaa seeqne
Osoo qabnuutuu deegnee
Eega marri nu dhiisee
Deegaan barri nurra ciisee
Waa baraa miti numaa
Abbaan dararaa kumaa
Isa nuuf jiidhu diignee
Goggogaa keenyaaf fiignee
Gogaan jirmumaaf tola
Kanaafi dura ciifnee
Haa nu feeddaguu tolchee
Yoo dhiiga keenyaan jiifne
Imimmaan jiisuu dinnaan
Nutiis waywaata dhiifne
Hukmii Olumaa Eegganna

Siitu nu habataafi
Deddeebinee si hubne
Malee wallaallee miti
Akka garaa si gubne
Ta'uus garuu hin dhiifnu
Miidhamnaan numa aannaa
Deemne si gahuu dadhabnuus
Halaalumaa sitti quba laannaa
Inni kakuun fakkeessee
Nu jidduu kaa'ee mormii
Ofiif yaadeeti malee
Nuuf yaadee miti ormi
Hundi silaa hin tufamu
Jira wanti hin tufamne
Hunda tuttuqxee bukheessin
Jira wanti tuqamne
Duursi adda baasi firraa
Maaliif akka hin quuqamne
Hujiin jaarsolii biyyaa
Waan hin qabne adada
Hawwiif fedhiin Abbootii Gadaa
Yoomiyyuu Misoomaa fii Dadaa
Rakkoo jirtu haasawee
Yeroon buusa araara
Waan caayaatti dhumtuuf
Yoom mootummaa dararaa
Abbaan Gadaa keenya
Fitti yaamee Ugaasa
Wal diddaa gama lameen
Lafa khaayee dhugaasa
Haasawee haqa muree
Nurraa dhaabe dhukhaasa
Karaa qawweetii mitii
Karaa kanaa nu baasa
Wal jalaa hin hafinaa
Koottaatii nu yaasaa

Jedhe Abbaan Gadaa


Lubbuun dhiiraa biliqa
Gaafa duutu hin beekanii
Haatahuu immoo gaariidha
Osoo waliif eeganii
Du'a walii saffiisuun
Dhoortoodhaaf wal jeeqanii
Dagutti boolla walii qotaa
Gubbaarra waliin seeqanii
Taayitaafii tooftatti dahatanii
Cubbuudhaan wal qeeqanii
Abdii wal kutachiisuun maali
Boru biraa deeganii
Namni silaa gameessaa
Kan lubbuu wal eewalu
Wal afaan dacha'ee
Ifumaaf wal eegalu
Dirqiin itti dhiibatee
Nama silaa qajeelu
Sababee sababaan
Karaa maysuu kajeelu
Maali mee bu'aan saa
Faayidaan inni helu
Maal arkachuufi laata
Kan quufee beexalu
Ibiddi arra nu gube
Isaas haa waxelu
Jazaa tee ammatti
Rabbiin haa kafalu
Abbaan biraa deemuus
Haqni baha oolu
Nuti dhiifne silaas
Rabbummaan haa loluu
Inninuu ni beeka
Waan hundaafuu toluu
WAL GARGAARSA

Daa'ima Faayyaa qabu,


Guddisuun nama hin dhibu.
Gurraan qaata ol baane
Gurraachaan achuma jirra
Ofii Keessootti dhukkubsachaa
Kan dhukkubeef marfee dirra
Akka maqaa yoo tahe
Dooktaraaf maaltu gita
Kiishni kee dawwaa tahuus
Maqaaf mudhiin si cita
Ogummaan kee siif diina
Seerri cimaan siif tumama
Ati hujiin kee guddaan
Dogoggorri yoom uumamaa?
Isa eeggachuudha malee
Of quba hin qabdu humaa
Nurratti dalagameera
Maqaadhaan nu adabuu
Eenyuutu nu dhagaha ree
Nuti bulluus agabuu
Haa tahu gaa jarana
Inni garatti haa hafuu
Rakkoo nurra qaqqabeef
Nutummaan waliif dafuu
Daa'imni Dr. Abdii
Nuufiis Daa'ima keenya
Nu malee eenyu qabdi
Baraaruu ni dandeenya
Dirmannee wallaanuudha
Eenyu eeguuf tatteenya
Xannee fii Xabaqaa

Gargaarsa hoongeetiif
Hin binnu xabaqaa
Dhimma dhunfaan taanee
Maaharii fii nafaqaa
Dhimma yoo shakkitan
Kun soba moo haqaa
Deemaa qulqulleessaa
Qaamaan achi dhaqaa
Biiroo tanaa baanee
Biiroo taaniis dhaqaa
Yeroo fii qabeenyaas
Bilaash gadi nannaqaa
Naannawnee naannawnee
Akka waan sadaqaa
Turtii baayyee booda
Nu gaafatan saaqa
Dhimma hoongeef baanee
Akka binnu xabaqaa
Kan falmee ol baasu
Gargaarsa handaqaa
TUTTUQAA
Sarichi gaafa san huune
Arraas ni jira hin duune
Edaa hudhaan akkas miti
Maquma itti fuunee
Naasuu fii baaragaan
Cehaa miila fuunee
Harkuma sodaatiin
Hoollachaadhaa tuynee
Yoom hudhaa qix goonee
Hafuura itti kunne
Du'e seene malee
Inniniis hin dunnee
Tooftaaf laaffatee
Nuti biraa kunnee
Nu fakkaatte malee
Sarichi hin duune
Qismiin saa jiituudha
Rabbi biraa hin guunee
Hayyama SAA malee
Hudhaan ruhiin fuunee
Nuutu reefka deemu
Eegas meeqa duune
Hijaa akkam jabaa
Ifiif keessa buunee
Reebamaa fii duta saan
Eegas meeqa duune
Malee sarichi nagaadha
Ifumaaf if huunee
Baargaan jirachuuf
Saree ifi tuqnee
Fala biraa hin qabnu
Rifaatuudhaan dhumne
Saree firraa eeguuf
Qeerransa guddifnee
Eegasii kabajaan
Isaan wal dubbifne
Balaa xiqqoo eeguuf
Balaa guddoo finnee
Dur tokkichaaf oonaa
Jimlaa akka hin fixne
Sodaan kiyya kana
Garaan koo nan cinne
TOLA OOLTUMMAA

Koottaatii If Baraa!!!
Isin waama kaa Caffeen
Hoospitaalli Waa maraa
Tolaan isin laallaa
Koottaatii of baraa
Qaaxaroo hin qabinaa
Daddafaa hadaraa
Hundinuu haa dhufu
Kan dubraa dardaraa
Manguddooniis koottaa
Of beekuuf jarjaraa
Duursanii of baruun
Waan baayyeef gargaaraa
Miila keetiin koottu amma
Booda Shorroqaa akka dhufne
Osoo carraa qabduu
Corroqa dhibeetti hadaraa akka kufne
Itti fayyadamaa tahaa
Kootaan osoon cufne
Isiniis of laalaa
Nutiis kanaaf dhufnee
Dhibee dhokatee turu
Kan akka Shukkaraa fii Danfaa
Kan osoo sin ciibsin
Nyaatee fixu nafa
Miila arra silaa
Deemaa dhuftuun lafa
Sababa sukkaraan
Yoo muramte fafa
Danfaan si laamshessee
Yoo si godhe naafa
Sheenaa sirraan baane
Taheeti si hafaa
Hangam dhokoysituus
Ati sodaattee safuu
Gaaf tokko hammattee
Bahuun isaa hin hafuu
Sodaa dhukkubbii fii dhiigaa
Kan gaafa jaarsa wajji rafuu
Haadha hedduutu hawwa
Akka barihetti hafuu
Osoo falli as jiruu
Ifitti tahinaa gafuu
MAQAAN HIN MAQU

Abbaa eegalee goolaba


Akka caffee maabaraa
Abbaa fedhee nu haamaa
Loowwan keenya hin nyaanne
Boorran keenyaaaf hin laannee
Abbaa haamsiise beeka
Akka jimaa wacaraa
Miila deemuu nu qaamaa
Mirqaannee daagaan hin laallee
Gurgurree saaqaan hin gallee
Abbaa qamaasisee beekaa
Akka wadaaja wal maraa
Abbaa argee nu yaamaa
Kadhannee milkiin garree
Abaarrees humaan tarree
Abbaa yaamsisee beekaa
Akka ooyruu yataamaa
Balaa qalaa nu saamaa
Oomishnee joollee hin naqnee
Awwaalcha abbaaf hin dhaqnee
Abbaa saamsisee beeka
As geesse, yoo dhageesse

Dubbiin kilaash gurraachaa


Saamicha moo gumaachaa?
Abbaa irraa fudhatamee beeka
Itti dhiisaa ni galchaa
Harkaaf harkatti qabamnaan
Hin feesisu barbaacha
Harka saatii dhabnaan
Dirqamaan miixatee dhalcha
Kuni hin tahu taanaan
Kafaltiin saa dachaa
Sababa dhabneef malee
Qaata turre gaafachaa
Dubbichi kilaash sanii
Nu gubeera garaacha
Amma ofiinuu dhuftee
Wanni turre eeggachaa
Kilaashiis ni deebifna
Gumaa keenyaas baafachaa
Gurrarraahuu nun yaatu
Wacaa fii iyyansi raachaa
Agarrees hin dhageenye
Isaa sossoosu naacha
SIRBINAAN QAAMA HUNDAANI

Erga qaanii taate sitti


Qaamaaf harma kee luluun
Yoo sirraa hafe hin wayyuu?
Sirbaaf arma gad buluun
Namni maa na argaaf
Duraan harma dhooyfattee
Sirraa addaannaan dargaaf
Si hooysinaan hooyfattee
Silaa akka keetitti
Qaamaaf harmi wal addaa?
Qaama biraa hurguftee
Harmaaf bakka barbaaddaa?
Hin tahu dhiisi firraa
Qaama qaamatti hijeessuu
Kaan dhoysaa kaan hoysuun
Eessayyuuhuu sin geeysuu
Hundi faayidaaf uumame
Ati maysuun dandeeysuu
Wal simsiisaatuma bororsi
Hamma guyyaan saa geeysuu
Sii dhiisee deema malee
Qaamni walirraan dheeysuu
Kam arraaf gumaachite
Kam baruuf ol keeysuu
Sii mitii beekkadhu
Kan kana murteeysu
Jira abbaan kanaaf
Takkalleen nun geeysu
FAYYAAN FARDA COOLLE

Nun qabiniin hin taatu


Eegas fayyuudha malee
Arra ol kaatee teessi kunoo
Maashinaan harganti kalee
Hin taatu biraa deemuun
Ilmaan dhiiftee hadiyyoo
Harka itti marannee kunoo
Du'a oolchine Aayyiyyoo
Galanni waaqaa guddaadha
Nun kafalchiisu kiraa
Waan hojjannu hundaaf
Isaa nu faana jiraa
Baga nuuf fayyite Na'iimaan
Gudiyyeen haati dhiiraa
Shukri ja'aa hundinuu
Ollaa fii aaliin kan firaa
Galatoomaa ogeessiniis
Kan dhaabbattan nu bira
ILKAANTU KOFLA TOLCHA

Ilkaanii fii ilmaaniis


Yoonuma diriiran gaarii
Lachuu yoo jajallatan
Sirraa hin citu aarri
Ilkaan yoo jallate
Akka dallawa miskiinaa
Jan jalaa yoo alalchu
Gubbaan arraba ciiniinaa
Yoo ormi kaakkisee kolfu
Ati cufattee ooddaa
Ati ilkaan dhoysuudhaaf
Harkaan afaan of gooddaa
Kutattee aara hin baatu
Ilkaan na seenaa sodaa
Osoo qabduu kajeelta
Ilkaantu si qorqodaa
Oowwinaan si kulkula
Qorrinaan si hadoodaa
Dhukkuba dawaa qabuuf
Maalumaatu si rakkee
Wal korraan irraa buqqaasa
Keessa dhaaba tan takkee
Diriirfattee tolfattee
Godhuuf ilkaan haraashii
Ati seeyxee kofallaan
Addunyaan maal abbaashii
Dr. Ramadaan biraan dhaqaa
Iddoon saa Shaashgaraashii
KABSANNAA BOODA

Fayyaan faayaan dhuga


Daran Farda Coolle
Waggaan guyyaan qixa
Yoo fayyaadhaan oolle
Hin dhaabbattu yeroon
Duruun waggaa gahee
Galanni kan waaqaa
Kan hundaa ol tahee
Gaafaan dhukkubsadhee
Afaan du'aa gahee
Aalii ollaan dirmatee
Narratti wal gahee
Maatiin naasuun baqee
Marri'umaan wal dhahee
Hiriyaan wiligee
Imalmaanaa nahee
Kadhannaaf wal'aansaan
Fedha waaqaan tahee
Kunoo waggaan arra
Eegaan fayyee bahe
SMARTINESS

Nama uumamni tole


Kan gubbaaf keessi dadaa
Qananiif quufa jiruutiin
Amalli saa yoom bada
Daandii keessa dabre hunda
Tartiibaan kan yaadatu
Haala dabre komatee
Kan arraatti hin dhaadatu
Akkuma gaafa as turee
Kolfee taphata qaaleysee
Ani diyaaspoora jedhee
Hin beeku if dhaadheysee
Qilleensa biyya ormaatiin
Hedduu tahe baxxarree
Garuu dhiira kanarraa
Of tuulummaa hin garree
Kanaafiin dinqisiifadhu malee
Isa bira hin dabarre
MUKA BEEKAN FIRII KUTATAN

Gosummaan wal beekuufi


Mee dura haa wal barruu
Osoo waluuhuu hin beekin
Dhagaa walitti hin harruu
Kun torban anniyyaati
Hortee dhala huumbannaa
Quxusuu Bareentooti
Seennee irraa dubbannaa
Eessa jiraatu baay'een?
Lafti teessumaaf qubannaa
Qarqara gammojjii bahaati
Achii aduuf qawween gubannaa
Goda qabsoofii qabsaawaati
Akkasiin waliif hubannaa
Kan nutti dhukaasuus tahee
Kan nuuf dhukaasuus dirmannaa
Lachuutiifuu dhihoodha
Jalqabarratti simannaa
Miidhamaaf diigama keenyaas
Nu waaqatti himannaa
Iyyuu fii iyyisiisuus
Keessaa hin qabnu hirmaannaa
Dhimma addaa hin qabnu
Wal baruudha barbaanna
Jallina walumaan dhalatan!

Haarawa sittin fakkaatin gurbaa


Walumaan dhalatan waan dabaa
Ganaa gaafa daaddeen deemu
Shiraaf gidiraan jalqaba
Harkaaf miilaan waa reeba
Horateen beeku adaba
Badiitu itti mi'aawa
Isarraa milkii qabaa
Manguddoon karaa deemtu
Jaarsoliin baatu gabaa
Sakaallaa saatiin kuftee
Hedduutu ilkaan dhaba
Caffee wali guduunfee
Gaafa kuffise jabaa
Isaaf gammachuu guddaadha
Osoo kolfuu gaggaba
Kan akkanaatu as gahee
Asiif achi nu qabaa
Abaaramaan maal taha
Bira kaahe arrabaa
Waliin tuttuqee baafata
Sumaatu biraa agabaa
Tokko Afaan si bansiisee
Kan biraa guursha si gabaa
"Naatu beelawe moo nyaatuma kee bareedaa?"
jennaaniin,,,
" Goofareen qofti maal baasa, dhiira jechuun areedaa ""
naan jette isiiniis

Haajaa fii Hajjiiniis,Hajaraan malee hin taatu

Nama jaartii hin qabneef


ilmoo nu kadhachiisanii "
Hooda dhaba saanii
Sanuu nu kakachiisanii
Dooktorticha Diimaa

Dur jabaa jiruun hin dhaadan


Eega gad kute malee
Jabaa jiruun leellisuu
Anaa duursee eegalee
Gatiin nama waa taruu
Dhiheenyuma nuuf gale
Gita kamiinuu taanaan
Arra hin jirru akka kalee
Nut gatii saa beeknaan
Waaqayyoon nuuf dabalee
Jabaan utubaa keenya
Nuti isaaniif dagalee
Gatii dooktorticha diimaa
Himeen fixu kafalee
Arraaf taaziya jirra
Du'aa mana nu galee
Kanaaf xiqqo hasaasne
Osoo qabnuu sagalee
Itti dachaana seenaa
Dooktorticha qacalee
BARAA DEEMAAN

Gaafa facaasnu baafnee


Laalchaan firiin misira
Akaaffiif gaafa dachaanu
Kunoo baalchaan migira
Sanyummaan beeynee facaafne
Tan bir taatee hin magarree
Sanyii lafti jijjiirtu
Amma malee hin garre
Cufamtettiin si beeka
Amma maaltu si bane
Ollaatu sirraa darbe moo
Daboollumaatu si gane
Abbaan si kaaye boolla
Harka saatiin kafanee
Arra biyyeen si gannaan
Jiraa awwaaluu saa amane
Shanii Tolte ,Maatiin Lolte
Jaarii biraa hin qabnu
Shaniif shanan gad buunee
Shanii shaggooyyeef baate
Shantamni jinnii hin fuune
Dhaaphee qaama oowwisee
Dadhabu itti kutee jilbaan
Aarii fii gaariis baafadhee
Firraa itti himee sirbaan
Taphumaan fixanna malee
Wal biraa hin deemnu jibbaan
"Eeee yaa bareedina haalaa!!
Bifaan hin qabdu mudaa
Malaaykotaa si eegaa
Eessaan si seenti budaan
" Ooooyiii "isiin "oooyyyy" jettee
Yaamnaan owwaattu suduudaan
Kan gurri haleelu dhiisii
Harka facaasa duudaan
Isii deemtu agarraan
Rarraafattee forora
Duraa wal dhawee afaan
Meeqaa dubbii hororaa
Kan hin qabne inuu dhiisi
Kan manaa qabuutu gorora
Aaamiiin jenne

Wanti ormaaf summiidhaa


Siif dawaa haa taatu
Walirra siif -teeysi ganaa
Qaawaan sirraa hin yaatu
Qarxaasa gooytaa qabda
Budaalleen sin nyaatu
Rabbi haa godhu jinnii tee
Tan yoo dhawan baatu
Gufuu fii gufullaan
Si duraa haa kaatu
Gaaddisaa sin kaaftu
Aduun asrii baatu
Ittin bilchaatin ati
Bilchoon si afaan haa yaatu
Carraa fii carraaqqiin
Wal siif haa fakkaattu
Hiree fii hiriyaan
Walirraan fagaattu
Bakkaa fi akkaaniis
Wal sii haa arkattuu
Rabbiin kee siif gahaadha
Waan takkan rakkattu
Zabxiyyaa Yakka Malee

Ati numa himattee Herreega qaata dhumate


Nuu sin fahaamini biroo Nu baafnee buufna firraa
Arba -rakkattetti nu buuse Wal siin dhufu hizaabni
Kan bakki deemnuuf Ciroo Bilaash baayyisnee hirraa
Maali yaabbiin akkanaa Osoo galma hin qabne
Tan hin fudhanne ajaja Galmee meeqa jijjiirraa
Kan siin jenne Dadarii Osoo sooramtee hin quufin
Maa nu geessita Jaaja Soorama baata xirraa
Mariin jabaan qabamee Goojjoo jaarachuu dadhabdee
Kan biraatu shufeera Xoorataan kaffalachaa kiraa
Eenyuutu naan deemaa? Ani goota kabajamaa dha
Osoon hin beekin dhufeera Dooktaraaf piroofeesara
Gamaa gamana dhawamne Kan jedhee qoma dhawatu
Akka sambaleexa birraa Itoophiyaa malee ni jiraa?
Qarshi nuu laatan malee Ayii yaa waa barachuu
Manuma hidhaa jirraa Hojjachuun maal baasa yaa firaa
Kuulii ji'aan nu gahuuf Yoo waliin hin dhoofne
Asii sa'aan hiriirraa Waliin si dhoofti si biraa
Hujii mootummaa malee
Sarmee gootummaa sirraa
Kan ji'aan si gaggaafatu
Ofiif si hidhee firraa
Kan fincaanii ciisichaaf
Sitti herreegu gibira
Kan hidhee sii kaffalaa
Sitti eegu gidiraa
Nuufi hin galle malee
Awziin guddaan as jira
HAAJI BUSHRAA ANNAA

Akaakayyuu Koo Haaji Bushraa Annaa


Nuti ilmaan kee yoomuu siin dhaadanna Ittuma laanna malee
Dhaamsa keetiin tan arraa baafannaa Bira geenyee hin tuqnuu
Silaas hin gubattu hujiin kee gaachana Hayyamaan taatu malee
Haqa nurraa qabdaaf waaqa si kadhanna Hancufallee hin tufnuu
Malee hin mamnu jazaan kee wal jannaa Amaanaa galata hin qabne
Duruu jedhe hayyuun Eeguu haa itti fufnuu
Haaji Bushraa Annaa Yoo walitti taate malee
Jechi saatuu ragaadha Waliif qaawa hin cufnuu
Ragaa kam barbaanna Akkuma dur barre
Ilkee ambaa kaayyanne Wal qabannee haa kufnuu?
Foouma walii nyaannaa

Fagotti gurra barbaacha


Dhiiga wallaalaan cobse
Daaguma ifii hannaa
Itichi mee yaa beekhaa
Odaan dur mukkeen caalu
Arra hanqateera ceekhaa
Didichaa kan kee malee
Sii roobe waa hin garre
Abdii teef sanyiin baate
Hanga yoonaa hin magarre
Osoo imala jirruu
Qilleensa mijuu fi'annee
Borkoo taanee dhaabbanne
Hafuura qabnu fixannee
Ofirraa itti guuttachuuf
Osuma qabnuu qodaa
Hin afuuffannu garuu
Akeekkachiisa sodaa
Hin qabdu, hin dhabdu garuu

Yoo beeyte maa callista


Wanta boruuf sii tolaa Akkasiinuu hin muratu
Maaf hin dubbattan ree Eegee jala gulufaa
Irraa baastanii qolola Irraa hin toltu kajeellaan
Qad qabdanii hasaasaa Dhabuus gurbaa masluufa
Hin guunguminaa golaa Osoon hambareerin dhabee
Gargaarsa eenyuu eegduu? Hambaaf jecha si cufa
Ofumaan if daboolaa Harkisee oofee kennee
Abbaan xaashoo fi dhahee Booddee harka hurgufaa
Ofiif kufee kombola Sirraa haa guutu jedhaa
Malee dirmachuun helu Mee jarana na tufaa
Cabee tahuus okkolaa Bulleen na bulleeysanii
Naaffattee laaffattuus suma Jechaa caaya nu dhufaa
Hin argattu obbolaa
Dhadhaabbata siif tahee
Ol si baasuurra odolaa
Si dura dhaabbateeti
Lafaan si gahuuf lollola
Irra jireessi beeki
Osoo hin nyaatin quufaa
Marqaa fal'aanni fuudhe
Qabbaneessuuf afuufa
Hanga kaan alanfatu
Inni funyaaniin suufaa
Kuun marqaadha liqimsa
Inni immoo hancufa
Guruc guruc godhee
Gorora dhugee quufa
Ni Tahaa ree!!!!!

Ummata si ilaalu
Siis akkuma ilmaa
Anaan na dhukkuba
Yoo itti kaaftu jirma
Biyya nu eeggattu
Irraa nun eeginaa!!
Qaamaan badhaatanii
Sammuun hin deeginaa
Boruuf nu qooheessaa
Kaleen nun qeeqinaa
Miilli kanuma durii
Maaliyaan nun jeeqinaa
Abbootii teenya kofaltanii
Nuttimmoo hin seeqinaa
Ummanni koo qara
Kaayyoo ilmaa doomse
Malee arguun dhabne
Osoo beekuu obsee
Si abaaruu diddaaf
Imimmaan saa cobsee
Qaalii keessan godhee
Dhugaa jiru dhoysee
Sirnakkoo saa eeguuf
Sirna firra qooyse
Malee silaa qaata
Hidda ciree goysee

You might also like