Riiserchii Qonna
Riiserchii Qonna
QORATAA:TOLOSA GABREE
GORSAA :WAAQUMAA WAMII (MA)
WAX
ABAJJII 30/2015
BULEE HORAA, OROMIYAA
1
Adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa gindii fi waanjoo: Oromoo Gujii
Irratti Kan Xiyyeeffate
2
Qorataan : TOLOSAA
3
Fuula Mirkansaa
4
Labsii
Barruun piroposalii (Senior Essay) mata-dureen isaa armaan olitti eerame kun qorannoo
afaaniitii (defense) tiif akka dhiyaatuuf akka gorsaa qorannoo yuunivarsiitii tokkootti
mirkaneesseerra.
5
BOQQONNAATOKKO
SEENSA
Fooklooriin umurii dheeraa qabaachuun kan beekamu yommuu ta’u, innis Beekaan
Gullummaa (2005,13) hayyuu Dundes (1965) wabeeffachuun akka ibsetti’’fooklooriin
jechoota afaan Ingilizii lama kanneen 'folk' fi 'lore' jedhaman irraa kan ijaarameedha ‘’
jedha. Hiikni jechoota kanaas, folk jechuun garee hawaasaa kanneen waan wal isaan
fakkeessu qaban kan muldhisuufi lore jechuun immoo, beekumsa, dandeettii, oguma,
kennaa addaa garee hawaasa kanaa kan ilaallatuudha. Hiikni jechoota kanaas, yeroo walitti
deebi’u 'folklore'jechuun beekumsa, dandeettii,kennaa addaa hawaasni garee tokkoo waliin
qaban jechuudha. Dabalataanis, foolklooriin gooroowwan gurguddoo afur of jalaa kan
qabuudha. Isaanis, ogafaan, duudhaa hawaasaa, meeshaalee qabatamoofi aartii sochii
hawaasaati.Isaan kana keessaa gindiifi wanjoon meeshaalee qabatamoo jalatti kan
hammataman yoo ta’u , kan gareen hawaasa qonnaan bulaa ta’e itti gargaaramaniidha.
Uummanni Oromoo yeroo durii kaasee adeemsa jiruuf jireenya isaa gaggeeffachuu keessatti
bu’aa bayii hedduu dabarseera. Bu’aa bayii jireenyaa dabarse irraas muxxannoo hedduu
argachuun wantoota jiruuf jireenya isaaf barbaachisu hedduu kalaqee ittiin jiraachaa kan
tureefi ittiin jiraachaa kan jiruudha.Adeemsa jiruuf jireenyaa gochaa tureen beekumsa isaa
dagaagffachuuf aadaafi barmaatilee adda addaatti dhimma bahaa tureera.Aadaan immoo,
ogummaa , falaasama, duudhaa, safuufi mararfata adda addaa kan of keessaa
qabuudha( Dirribii Damusee,2013:3) .
6
akka jedhetti gindiifi wanjoon meeshaalee namtolchee wantoota uumamaan jiran irraa
bocuun ittiin lafa qotanii calla oomishuuf ooluudha’’ jedha. Walumaagalatti, adeemsi
xiyyeeffannoo qorannoo kanaas, aadaa, seenaafi sochii hawaasdinagdee yeroo dheeraa kan
ta’eefi uummanni Oromoo rakkina midhaan nyaataa jalaa ooluuf itti fayyadamaa tureefi
jireenya isaa fooyyeeffachuuf meeshaalee qonna aadaatti gargaaramaa tureera.Qorannoon
kunis, adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa gindiifi wanjoo Oromoo Gujii aanaa Bulee
Horaa irratti xiyyeeffachuun kan qoratameedha.
1.2.Ka’umsa Qorannichaa
Meeshaaleen qonna aadaa bara durii irraa kaasee uummata Oromoo biratti hedduu kan
beekamuufi fudhatamaa guddaa kan qabuudha. Uummanni Oromoo jiruuf jireenya isaa kan
gaggeeffatu lafa qotee midhaan gosa garaagaraa kan oomishuufi horii horsiisuun kan
jiraatuudha. Meeshaaleen kunis, meeshaalee ittiin lafa qotan gindii, wanjoo, gasoo ,billaa,
qottoofi bittoodha.Isaan keessaa qorannoon kun kan irratti xiyyeeffatu adeemsa qophii
meeshaalee qonna aadaa gindiifi wanjoo Oromoo Gujii aanaa Bulee Horaa yoo ta’u,
Taamiruu Nammarraa (2007) ‘’ gosoota meeshaalee qonna aadaa Yuunivarsiitii
Wallaggaatti, Geetuu Caalchisaa’’ faayidaa meeshaalee qonna aadaa ‘’ Yuunivarsiitii
Finfinneetti qorannoo kana irratti kan adeemsisan yoo ta’u hanga qorataan sakatta’aa barruu
adeemsise keessatti adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa gindiifi wanjoo irratti
xiyyeeffannoon kennamee qorannoon adeemsifame hin jiru. Kanaaf qorataan kun qorannoo
kana kan gaggeesse hir’ina kan guutuuf kan qorateedha. Kanuma irraa ka’uun qorataa kana
akka inni qoraannoo kana gaggeessuuf kan isa kakaase;
Haaluma kanaan qorannoon kun gaaffilee bu’uuraa armaan gadiif deebii quubsaa deebisuu
danda’a.
1.3.Kaayyoo Qorannichaa
Kaayyoon qorannoo kanaa bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Isaanis, kaayyoo
gooroofi kaayyoo gooreedha. Kaayyoon gooroo yaada waliigala qorannichaa yommuu ta’u,
kaayyoon gooree immoo, yaadolee xixxiqqaa adda addaa kan of keessatti hammatuudha.
1.3.1.Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa gindiifi wanjoo
Oromoo Gujii xiinxaluudha.
1.3.2Kaayyolee Gooree
Kaayyoon gooree qorannoo kanaa kanneen armaan gadii irratti xiyyeeffata.
• Safuufi safeeffannaa adeemsa qophii gindiifi wanjoo Oromoo Gujii keessa jiran
addeessuu.
8
• Wantoota gindiifi wanjoon Oromoo Gujii irraa tolfaman eeruu.
1.4.Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon tokko yemmuu adeemsifamu faayidaa mataa isaa danda’e qaba .Sababa maaliif
akka qoratame,eenyuuf akka barbaachisu adda ba’ee kan beekamuudha.Qorannoon kunis
faayidaalee armaan gadii buusuu danda,a.
• Aadaa boonsaafi faayidaa qabeessi kun akka hin dagatamne gahee guddaa
taphata.
1.5.Daangaa Qorannichaa
Daangaan qorannoo tokkoo bifa lamaan ilaalamuu danda’a.Isaanis, qabiyyee mataduree
qorannichaafi iddoo argama naannoo qorannichaati. Qorannoon kunis qabiyyeedhaan
adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa wanjoofi gindii Oromoo Gujii yommuu ta’u,
naannoo qorannichaan immoo, godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa irratti xiyyeeffachuun
kan adeemsifameedha. Sababni qarannoon Kun qabiyyee kanatti daanga’ee qorachuun
barbaadameef uummatni naannoo kana jiraatan irra caalaan qonnaan bulaadha. Qorataan
kuni ilmaan qonnaan bulaa waan ta’eef gadi fageenyaan qorannoo kana qorachuu waan
danda’uuf qabiyyee kanatti daangessee qorateera. Bakka kanatti waanan daangesseef immoo
kutaaleen Ormiyaa baayyee waan ta'eef yeroo fi baajeta hedduu waan gaafatuufidha.
9
1.6.Hanqina Qorannichaa
Qorannoo adeemsifamu tokko keessatti wantoonni barbaachisan dhibuu danda’u.Qorannoo
kana adeemsisuu keessatti hanqinoonni qorataa kana muudatan kanneen armaan gadiiti;
• Hanqina baajataa
Haa ta’uu malee, qorataan kun hanqina baajataa isa muudateef namootatti dhihaatee
deeggaramuun,kan namoonni sodaas haa ta’u hubannoo dhabuun odeeffannoo quubsaa
kennuu didaniif immoo, haalaafi amala gaariin itti siiqee eenyummaa isaa ibseefii, hanqina
meeshaalee ittiin odeeffannoo funaananiif; moobaayilatti fayyadamee kan qorateefii,
hanqina kitaabilee mataduree kanaan wal qabataniifis kitaabilee argamanitti
fayyadamuudhaan odeeffannoo hawaasa irraa argate waliin walitti qabachuun qorataan kun
qorannoo isaa xumuruu danda'eera.
1.7.Naamusa Qorannichaa
Qorataan tokko qorannoo adeemsisuudhaaf naamusa barbaachisu hedduu qaba.Qorataan
kunis naamusaalee qorannoo kanneen akka; waraqaa eeyyama qorannoo qabaachuu,
gochootaafi jechoota hawaasa iddoo qorannoon kun itti adeemsifamu keessatti safuu ta’an
eeggachuu, iccittii hawaasa eeguufi kanneen biroo eeggachuun qorannoo isaa gaggeesseera.
1.8.Malleen Qorannichaa
1.8.1.Saxaxa Qorannichaa
Adeemsa odeeffannoo funaannachuu qorannoo kanaa keessatti qorataan kun mala qorannoo
akkamtaatti dhimma baheera. Sababni isaa malli qorannoo akkamtaa odeeffannooleen
argaman hundi bifa jechaatiin qindaa’anii akka ergaa guutuu kennuu danda’anitti waan
mijatuuf. Yaada kana irratti hayyuu Addunyaa (2011,3) yoo ibsu’’malli qorannoo akkamtaa
odeeffannoo karaa sakatta’iinsa barruu, marii garee, daawwannaa kallattii, afgaaffiifi karaa
biraan argaman jechootaan ibsee waan kaa’uuf ‘’ jedha. Kanaaf qorataan kunis, mala
qorannoo kanaatti dhimma bahuun qorannoo kana gaggeesseera.
10
1.8.2Jamaa Qorannichaa
Uummanni Oromoofi kutaaleen Oromiyaa baay’ee waan ta’eef qorataan kun qorannoo isaa
kan adeemsise uummata Oromoo Gujii godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessaa
gandoota akka; , Nyaa’a Hidhabuu, Baabboo Budiifi Muraa Borokka keessatti argaman
baay’inaan akka ragaa waajira Hawaasummaa aanaa Bulee Horaa irraa argametti kuma
dhibba tokkooof kuma jaatama(160,000) ta’an jamaa qorannoo kanaa taasifachuun
qorannoo isaa uummatni Kunis bal'inaan qonnaan bulaa yoo ta'u, kumi dhibbi tokko
baadiyyaa Kan jiraatuufi qonnaan jireenya isaa Kan gaggeeffatuudha. Kumni jaatamnis
magaalaa Kan jiraatuufi daldalaaf qonnaan Kan jiraatuudh.
1.8.3.1.Iddattoo
Qorannoo kana keessatti qorataan kun yeroofi baajataa isaa woliin wal madaalchisuun
akkaataa mijachuu danda’utti namoota waa’ee adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa
gindiifi wanjoo irratti hubannoo gahaa qabanii gandoota afur irraa namoota lakkoofsaan
kudha ja’a ta’a filachuu fi biiroo aadaaf turizimii aanaa deemuun iddattoo qorannoo kanaa
taasifachuun odeeffannoo barbaachisu guurachuun qorannoo kana gaggeessuu danda’eera.
1.8.3.2.Iddatteessuu
Qorataan kun mala qorannoo akkamtaa keessaa mit carraa, xiyyeeffataafi iyyaafataatti
fayyadamee namoota dhimma mataduree kanaa irratti hubannoo gadi fageenyaa qabniifi
kitaabilee mataduree kanaan wal qabatan sakatta’uun qorannoo kana adeemsiseera.
1.9.Madda Ragaalee
Qorataan kun madda ragaalee jiran lamaanitti gargaaramuun qorannoo isaa
adeemsiseera.Isaanis madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaadha.
11
1.9.2.Madda Ragaa Lammaffaa
Qorataan kun kitaabilee mataduree kanaan wal qabatan kanneen akka faayidaa meeshaalee
qonna aadaa, gosoota meeshaalee qonna aadaafi maallummaa meeshaalee qonna aadaa
sakatta’uun qorannoo isaa adeemsiseera.
1.10.1.Afgaaffii
Qorataan kun tooftaalee kanatti dhimma bahuun gaaffilee banaa ta’an lakkoofsaan ja’a
qopheessuun namoota waa’ee qorannoo kanaa gadi fageenyaan beekan filachuun gaaffilee
akka; gindiifi wanjoon akkamiin qophaa’a, eenyuun qophaa’a, maalirraa qophaa’a, safuuf
safeeffannaan adeemsa qophii isaa keessa jiru maal fakkata, yeroo ammaa haala kamirra
akka jiru, gara fuula duraatti akkamiin dhalootaaf darbuu akka danda’u gaaffilee jedhaman
qopheessuun marsaa lama qaamaan bira deemuun bifa gaaffiifi deebiin odeeffannoo
barbaachisaa ta’e barreeffamaan qindeessee barreesseera.
1.10.2.Marii Garee
Qorataan kun tooftaa funaansa ragaa kanatti fayyadamuun gaaffilee banaa lakkoofsaan sadii
ta’an qopheessuun namoota meeshaalee qonnaa aadaa qopheessuu irratti muuxannoo gahaa
qaban namoota kadha lama iddoo lamatti qooduun akka iddattootti filachuun walitti qabee
mariisisuun odeeffannoo argate bifa barreeffamaan galmeeffateera. Gaaffileen kunneenis
gindiifi wanjoon maalirraa qophaa’a?, yeroo akkamii qophaa;uu? fi waantonni meeshaalee
kana qopheessuuf gargaaran maal fa’i? kan jedhamaniidha.
1.10.3.Daawwannaa Kallattii
Tooftaalee funaansa odeeffannoo kanaan yeroo ogeessonni meeshaalee qonna aadaa gindiifi
wanjoo qopheessuu beekan hojjetan qaamaan bira deemuun daawwatee gaaffilee akka;
qaamoleen gindiifi wanjoo irratti aragaman maal fa’aa akka ta’an, faayidaa maalii akka
12
qabaniifi maqaan isaanii maaliirraa akka moga’e gaaffachuun qorataan kun odeeffannoo
barbaachisu galmeeffateera.
1.10.4.Meeshaalee Elektirooniksii
Meeshaalee funaansa ragaa kanneen akka; waraabduu sagaleefi suur sagalee argachuun
waan ulfaateef moobaayilatti gargaaramuun sagalee odeeffanoo kennaa dhimma mataduree
kanaarratti yeroo yaada kennu waraabuufi suuraa meeshaalee kanneenii kaasuun
odeeffannoo barbaachisu qorataan kun guurateera.
1.11.Hiika Jechoota
Qorannoo kana keessatti jechoota haaraa ta’anii fi kan hawaasa naannoo tokkoo qofaan
beekaman adda baasuudhaan hiika itti kenneera. Isaanis;
• Gubbee: qaama wanjoo ta’ee kan mukarraa tolfamuufi akka gindiin gara
tokkotti hin jallanneef kan gargaaruudha
• Dhiittaa:quncee qaqaroo fi dambii irraa kan qophaa,u ta,ee qaama gindii walitti
jabeenyi isaa akka amansiisaa ta,uuf kan gargaaruudha.
• Iriffii:qaama gindii keessaa tokko ta’ee kan gindiin bo’oo irraa akka hin
maqneef namni qonnaa qotu sun qabatee deemuudha.
• Duubee :duubeen quncee qaqaroo irraa kan fo’amu ta’ee karaa duub muka
gindii babbattee lamaan kan walitti qabsiisuudha
• Babattee: qaama gindii ta’ee kan muka irraa hojjetamu akka lafti bullaa’ee fi
namaaf hiiquuf kan gargaaruudha.
• Qirtii: kan muka irraa hojjetamu ta’ee qotiyyoo waanjoo jalatti ka ittisuudha.
13
• Hudhaa: qaama wanjoo quncee qaqaroo irraa hojjetamu ta’ee kan ciqirtii walitti
hidhuuf gargaaruudha.
• Maarashaa: qaama gindii ta’ee sibiila irraa kan hojjetamuu fi laafa keessa
seenee kan qotuuf gargaaruudha .
14
BOQONNAA LAMA
2.1.SAKATTA’A BARRUULEE
Qorannaan kun adeemsa qophii meeshaalee qonna aadaa gindii fi wanjoo Oromooo Gujii
irratti kan xiyyeeffatuudha. kanaaf, sakatta’a barruulee jechuun barruulee waa’ee mata duree
qorannichaan wal qabatan irratti barreeffamoota jiran sakatta’uun xiinxala barbaachisu
irratti geggeessuudha . Qorataan kunis yeroo qorannoo kana geggeessuuf sakatta’a barruu
adeemsisetti maalummaa meeshaalee qonna aadaa,fayidaalee meeshaaleen qonna aadaa
qaban, gooroowwan fookloorii keessaa maal jalatti akka hammatama bira ga’uu danda’a.
15
16
BOQONNAA SADII
3.1.NAANNOO QORANNICHAA
Naannoon qorannoo tokkoo wantoota hedduu of keessatti qabata.Innis, achii as dhuftee
hawaasichaa,garee hawaasa qorannoon sun keessatti adeemsifamu, haala qilleensa
naannichaa, madda galii hawaasichaa, bosona naannichaatti argaman, iddoo hawwata
turizimii,amantiilee achi keessatti argaman, haala teesuma lafaafi namoota bebbeekkamoo
naannoo qorannoon sun keessatti adeeemsifamu hunda kan of keessatti qabatuudha.Kana
jechuun guuttummaa haala waliigala jiruuf jireenya hawaasichaa kan of keessatti qabatu
ta’uudha.
3.2.Garee Hawaasichaa
Uummanni Oromoo saba bal’aa Horo irraa achii as kaasee hidda latiinsaa dheeraa kan
qabuudha.Alamaayyoo Hayilee (1958) akka ibsutti’’ seenaafi sochii qubsuma uummanni
Oromoo bara dheeraa kaasee taasise keessaa seenaan qubsuma Oromoo Gujii isa tokkodha’’
jedha.Yaadni kun kan namatti mullisu uummanni Oromoo haala jiruuf jireenya isaanii
mijeeffachuuf jecha iddoo gara garaa qubbachaa kan tureefi Oromoon Gujii damee
uummata Oromoo kana ta’ee qubsuma taasisaa kan ture ta’uu isaati.
17
hawwaasichaa adda baasanii kaa'uun barbaachisaadha. Haaluma kanaan qorataan kun bifa
itti aanuun kaa'eera.
3.4.1.Amantaa hawwaasichaa
Uummanni Oromoo bara durii irraa kaasee amantii,aadaa, duudhaa, safuu, siyaasaafi
falaasama mataa isaa kan muuxannoo jiruuf jireenya yeroo dheeraa irraa horateen
kalaqatee ittiin bulaa ture kan mataa isaa qaba. haa ta'u malee, yeroo ammaa kana dhiibbaa
mootummoota nafxanyaatiin dhiibbaan amantii, aadaa, siyaasaa, afaan, diingideefi kanneen
biroo irra ga'aa tureera. Haaluma kanaan amantiin Oromoo amantiilee alaa kanneen akka
amantii Muslimaafi amantii Kirstaanaa dhiibbaan guddaan kan irra gahee
argamuudha.Kutaalee Oromiyaa keessaa Oromiyaan kibbii haaluma kanaaf saaxilamteerti.
Iddoo itti qorannoon kun adeemsifames godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa yoo ta'u,
amantiilee kanneen akka amantii Kiristaanaafi darbee darbee immoo amantii Oromoo
jalqabaa kan ta'e amantiin Waaqeffannaa namoota muraasaan kan hordofamuudha.
Inni lammaffaan immoo, biqiloota gara garaa dhaabuun kan isaan madda galiif itti
gargaaramaniidh. Gosoota biqiloota naannoo kanatti argamaniis buna, raafuu, avukaadoo,
shonkoraa, caatii, muuziii, birbirsa, gaattiraa, barzaafiifi kanneen biroo dhaabanii
kunuunsuun hundee, jirma, baalaafi firii isaa gurguruun madda galii kan taasifataniidha.
Biqiloonni kana olitti caqasaman kunneen nyaataaf, gurguraaf, ijaarsaafi bobeesuuf kan itti
gargaaramaniidha.
18
Inni sadaffaan immoo, daldalaan madda galii isaanii kan guddifataniidha. Sababni isaas,
maddi galii mallaqa argachuuf daldaluun faayidaa qaba waan ta'eef. Gosni daldalaa naannoo
kanatti daldalamuus bunaa daldaluu, midhaan daldaluu, horii bituun gabaatti geessanii
gurguruu, midhaaniifi horii gabaa tokko irraa bituun gabaa biraatti geessanii gurguruufi
achumaa bitanii achitti gurguruun( galagalchuu) n buufatanii gurguruun galii isaanii kan
fooyyeffataniidha. Inni saddaffaan horii horsiisuudha.Hawaasni naannoo kanaa horii
horsiisuu baay'ee jaallata. Sababni isaas, lafa ballaa waan qabuuf horii gosa adda addaa
horsisuun jireenya isaanii kan fooyyeffataniidha.Gosoonni horii naannoo kanatti
horsiifamaniis loon, re'ee, hoolaa, harree, gaangoo, lukkuufi kanneen biroo horsiisuun kan
jiruuf jireenya isaanii gaggeeffataniidha.
19
3.5.5.Namoota Bebbeekkamoo Naannoo Qorannichaatti Argaman
Uummanni Oromoo namoota ciccimoo gootummaatiin yeroo garaagaraatti roorroo
deebisuun beekamaniifi hayyoota ciccimoo waa'ee aadaa saba isaanii guddisuu bira darbanii
akka addunyaatti beekkaman hedduu qabdi.Naannoo qorannoo kanaa kan ta'e aanaa Bulee
Horaa keessattis namoonni beekkamoon seenaa guddaa qaban hedduutti jiru. Isaan keessaa
kanneen akka, Bariisoo Dukkalee goota beekkamaa Minilikiin lolaa ture yoo ta'u.
DABALEE A
Akkam jirtu kabajamoo hirmaattota waltajjii kanaa guyyaa hardhaa yeroo hojii qabdan irraa
nuuf kennuun aadaan keenya dhalootaaf akka darbu taasisuuf, gaaffii dhimma mata duree
kanaan wal qabatan irratti deebii nuu kennuuf heeyyamamoo ta’uu keessaniif isin
galattoomfanna.Gaaffileen kunneenis;
20
Kitaabilee Wabii
Kitaabilee Wabii.
Alammayyo Hayilee(1957):Sirna gadaa Oromoo Maccaa
Finfinnee Oromiyaa
maxxansamne
21