Xiinxala Xiinakkee Walaloo Zalaalam Abarraa
Xiinxala Xiinakkee Walaloo Zalaalam Abarraa
XIYYEEFFATE
Gurraandhala 2024
Ciroo, Oromiyaa
Baafata Qabiyyeewwanii
1. Seensa ...................................................................................................................................... 1
1.1. Xiinxala Xiinakkee (Stylistics Analysis) ...................................................................................... 1
1.2. Sadarkaawwan Xiinxala Xiinakkee (Levels of Stylistics Analysis) ............................................. 2
1.2.1. Mallattoolee (Graphology) .................................................................................................... 2
1.2.2. Xiinsaga (Phonology) ........................................................................................................... 2
1.2.3. Sadarkaa Xiinjechatti (Morphology)..................................................................................... 3
1.2.4. Sadarkaa Jechaatti (Lexical Level) ....................................................................................... 3
1.2.5. Sadarkaa Xiinhiikaatti (Semantic level)................................................................................ 4
1.2.6. Sadarkaa Xiinhimatti (Syntactic level) ................................................................................. 4
Wabiilee ....................................................................................................................................... 35
1. Seensa
Xiinxalli Akkee damee xiinqoqaa kan rakkinoota/wantoota gara garaa fayyadama afaaniitiin wal-
qabatanii dhufuu danda‟an hiikuudhaaf ykn hubachuudhaaf itti fayyadamnuudha. Hojiin ijoon
isaas haala barreeffamaa kamiiyyuu, keeessattuu kan ogumaa (literature) qo‟achuudha. Yaada
kana ilaalchisuun namoonni Khaniifi kaawwan (2015) jedhaman namaDavid Crystal jedhamu
wabeeffachuun akka ibsanitti, “xiinakkeen damee xiinqooqaa ta‟ee, kan shakkii garaagarummaa
kallattii afaanii qo‟atuudha,” jedhu. Akka yaada isaanii kanarraa hubannutti,xiinakkeen itti
fayyadama afaanii irratti garaagarummaa jiru kan xiinxalu jechuudha.
Leech fi Short wabeeffachuun Arikan (2015) akka ibsutti itti dhiyeenyaan/adeemsa gadi
fageenyaan jechuun kaka‟umsa ija ogumaan maqa (deviation) jiru xiinxaluuti jedha.
Widdowsonii fi Carter wabeeffachuunis namni Arikan (2015) jedhamu akka ibsutti xiinakkeen
riqicha xiinqooqaafi ogumaa jidduu jiruudha jedha.Yaada asiin olii kanarraa akka hubannutti,
walaloo akka hojii ogumaatti yeroo xiinxallu kallattii lamaan kanilaallu ta‟uu isaati. Innis gama
Ogumaa (literature) fi gama xiinqooqaani. Kunis xiinakkee keessatti adeemsa gadi fageenyaan
xiinxala taasisuun kan raawwatamuudha ta‟a (Aulia Putri, 2018).
Xiinxalli akkee damee xiinqooqaa ta‟ee kan wantoota garaagaraa gama itti fayyadama afaaniitiin
walqabatanii dhufuu danda‟an qo‟achuun hubachuudhaaf itti fayyadamnuudha. Kana jechuun
hojiin ijoon isaas haala barreeffama kamiyyuu keessattu ogumaa qo‟achuudha.Barreessitoonni
tokko tokoo xiinxala akkee kanaan xiinqooqa ogumaa (Literary Linguistics) ittiin jedhu.
Kunis wantoota oguma tokko bifa ogumaa akka qabaatu taasisaniifi amala barreeffamoota biroo
irraa adda isaan taasisan akka horatan/gonfatan qo‟achuu irratti kan xiyyeeffateedha. Kanaafuu,
xiinxala xiinqooqaafi ogumaa jennee waamuu ni dandeenya Akka Keetii Weels kitaaba "A
Dictionary of Stylistics,” jedhu keessatti ibsitutti kaayyoon xiinxala akkee haala barreeffamootaa
qofa ibsuu osoo hin taane iddoo barbaachisaa ta‟etti faaydaan akkee barreeffama tokkoo ibsuuf
akkamitti hojii irra oole ykn dhiibbaan isaa fayyadama afaaniitiin walqabatee uumama
ogumaatiif akkamitti tumse/gumaache kan jedhu ibsuudhaafi jetti.
Hojiiwwan ogumaa irratti xiinxala xiinakkeeyeroo taasifnu sadarkaa adda addaati qaba.
Sadarkaawwan xiinxala xiinakkees haala armaan gadii kanaan dhiyaata.
Mallattooleen kunneen sirni qubee barreeffamaa guutuu akka ta‟u kan taasisaniidha. Kunis sirna
barreeffamaa hunduma keessatti kanneen eeramaniidha. Sirna tuqaaleefi keeyyattaalee
akkasumas banaa/qaawwaas (spacing) kan hammatuudha (Leech, 1969). Sirni barreeffamaa
kamiyyuu mallattoolee kanneeniin ala guutuu ta‟uu hin danda‟u. Saayinsiin kunis mallattoolee
armaan olii kanarratti xiyyeeffatee kan qo‟atuudha.
Xiinsaga jechi jedhu kun gaalee xiinxala dhamsagootaa jedhurraa adeemsa suphuutiin kan
dhufeedha. Innis damee xiinqooqaa ta‟ee kan caasaa, tajaajilaafi amala qindoomina sagalee afaan
tokkoo kan qo‟atuudha (Addunyaa, 2010). Namoonni Ahmed fi Irshad (2015) jedhaman Lodge
nama jedhamu wabeeffachuun akka ibsanitti xiinsagni sirna xiinqooqaa kan qo‟atu ta‟ee,
Xiinjechi damee xiinqooqaa keessaa tokko ta‟ee haala ijaarsa jechoota afaan tokkoo kan
qoratuudha. Xiyyeeffannaan caasaa sadarkaa kanaa jechoonni bu‟uuraafi jechoonni ijaaraman
amala isaan qabaniifi seerota isaan ittiin to‟ataman ibsuudha (Bauer, 1988; Ackema and
Neeleman; 2007; Addunyaa, 2010; Misgaanuu, 2012).Kunis caalmaan xiyyeeffannaan isaa
dhamjecha_qaama xiqqaa afaanii hiika tokko qofa qaburratti. Dhamjechoonni ammoo
akaakuuwwan garaagaraa qabu. Isaanis: dhaamjecha walabaa, dhamjecha hiikaa, dhamjecha
tajaajilaa, dhamjecha hirkataa, dhamjecha duwwaa, dhamjecha dhokatee, dhamjecha uunka-
tokkeefi dhamjecha hiik-tokkee fa‟adha (Addunyaa, 2010).
Namni Aulia Putri (2018) jedhamu jecha ilaalchisuun akka ibsutti “caaccuuleen jechaa kunis
maqaa (noun), bamaqaa (pronoun), maqibsa (adjective), xumura (verb), xumibsatti (adverb),”
qoodama jechuun ibsa. Haa ta‟u malee, Afaan Oromoo keessatti gareen jechootaa bakka shanitti
osoo hin taane bakka afuritti qoodamu. Hayyoonni akka Addunyaa (2010) fi Mirreessaa (2014)
jedhaman ammoo akka bakka shanitti qoodamu ragaa bahu. Gareewwan kunis: maqaa, maqibsa,
xumura, durduubeefi xumibsiijechuun qoodu. Garuu, hayyoonni afaanii hedduun gareen jechoota
Afaan Oromoo keessa akka xumibsiin/gochibsiin hin jirre mirkaneessu.Qorannoo hamma
ammaatti taasifameen jecha “suuta” jedhuufi “baay‟ee” jedhu qofti akka jiru mirkaneessa.
Jechoota kana lamaaniif garee jechaa hin kenninu jedhu. Haa ta‟u malee, walaloo keessattis
sadarkaa jechaatti kan xiinxalamu garee jechootaa kanneen akka maqaa, maqibsa, xumura,
xumibsii fi durduubeedha ta‟a.
Sadarkaa xiinhiikaatti kan laalamu hiika jechaa, gaaleefi himarratti xiyyeeffata. Sadarkaa kanatti
kan xiinxalamu: Iddeessa (Metaphor), Akkasaa (simile), Nameessuu (personification),
Habalaka (irony), toonii (tone), „Anaphora‟, Arbeessuu (hyperbole), Suuressuu (imagery,
mallattoo (symbol), walbira qabanii kaasuu (allusion), „Deictic words‟, walqabatiinsa jechootaa
„Collocation‟, „Metonymy‟, jechoota hiika wal fakkaatu qaban (Synonym), jechoota Makoo
(Compounding), faallaa waan tokkoo (Antithesis), „Linking words‟, jechoota uumamaa (Natural
words) (Aulia Putri, 2018) fi kkf.
Xiinhimni damee xinqooqaa xiqqaa ta‟ee, saayinsii haala gareewwan jechootaa garaagaraa
walitti qindaa‟uu danda‟an qo‟atudha.Xiinhimni jechoonni walitti dhufuun gaalee, gaaleewwan
walitti dhufuun ciroo, ciroon ammoo walitti dhufuun himoota akkaataa itti uumaniifi qindaa‟an
saayinsii qo‟atuudha. Akkasumas, haala ijaarsa (duraa duubaan qindaa‟ina gareewwan
jechootaa) irrattis kan xiyyeeffatudha. Walumaagalatti, xiinhimni hidhata cimaa haala ijaarsa
gaalee, ciroofi hima faana qaba (Tallerman, 1998; Addunyaa, 2010; Misgaanuu, 2012; Aulia
Putri, 2018).
2. MALLEEN QORANNICHAA
Qorannoon kiyya kun Xiinxalli xiinakkee walaloo “Obbo Abbaa Xadaa” Zalaalam Abarraan
bara 2000 barreeffame irratti xiyyeeffachuun xiinakkee walaloo kanaa xiinxaluudha. Malliin
walaloo kana itti xiinxaluus barreeffama walaloo kanaa kan waloon kun barreeffamaan dhiyeesse
irra deddeebi‟uun dubbisuu, kan sagaleen waloon kun dhiyeessees dhaggeeffachuun irra
deddeebi‟uun kanaan xiinxala taasiseedha. Akkasumas, barreeffamoota xiinakkeen walqabatanii
barreeffaman dubbisuufi qorannoolee xiinxala xiinakkee irratti yeroo adda addaatti namoonni
hojjetan sakatta‟uuni. Xiinxala Xiinakkee walaloo kanaanis itti fayyadama afaanii irratti maal
akka fakkaatu, itti fayyadama sirna tuqaalee irrattis maal akka fakkaatu, maqa xiinqooqaa
walaloofi kanneen biroorrattis xiyyeeffachuun xiinxala kanan taasiseedha. Xiinxalli kunis
Qaaccessa walaloo taasisuun kan galma gaheedha.
3. QAACCESSA RAGAALEE
Mata dureen walaloo kanaa akkaataan inni itti dhiyaate mataduree isaa qooddataa/namfakkiitti
fakkeessuuni. Mata dureedhuma isaarraa kaanee yoo laalle kallattiin sammuutti kan nu dhufu
Obboo Abbaa Xadaa‟ maal ta‟e? ykn barreessaan kun maaliif maqaa namaa fayyadamee
mataduree walaloo kanaa moggaase? Kan jedhuudha. Walaloon kun walaloo seenessaa
(narrative poet) ta‟uudha nu hubachiisa. Seenaa qooddataa Obbo Abbaa Xadaa jedhamurra
dhaabbachuun waa kan seenessuuf deemuudha. Walaloon kunis namfakkoota kanneen akka
Obbo Abbaa Xadaa (Qannoo Dhugaasaa), Mikaa‟elii, ijoollee durbaa Obbo Abbaa Xadaa
hangafaafi quxusuu, Aaddee, Kamiso, Abbaatee, qeesiifi daaqoonii, akkasumas
hawaasni/hordoftoonni Mikaa‟elii Waachaa dabalatee namfakkoonni baay‟een walaloo kana
keessatti argamaniidha.
Waloon kun akkaataan inni walaloo kana keessatti qooddatoota uumee seenaa kana itti qindeesse
baay‟ee namatti tola. Namfakkoonni (qooddattoonni) as keessa jiraatan kunneen haala addunyaa
dhugaa keessatti mul‟atu wajjiin kan wal fakkaataniidha. Seenicha walakkaatti amala
namfakkootaa osoo hin jijjiirre irra deddeebi‟uun bifuma walfakkaatuun itti fayyadameera.
Namfakkoota walaloo kana keessa jiran jidduu walitti dhufeenyi kallattii kan jiruudha. Walitti
dhufeenyi isaanii kunis sababa quubsaarratti kan ijaarrameedha.
Ergaafi tooftaaleen waloon kun itti fayyadamee barreesse hedduu kan wal simateedha. Ergaan
olaanaan isaa falaasama amantaafi hariiroo dhala namaa jidduu jiru kan ibsuudha. Ummanni
keenya Waaqa ykn wanta itti amane irratti garaa qulqullummaan isatti kan of laatee waa hunda
isatti abdatu ta‟uu isaati mul‟isa. Haa ta‟u malee, amantaatti dahachuun gowwoomsa ummata
keenyarratti deemamaa jiru hammaataa ta‟uu isaa kan ibsuudha. Yoomessi isaas ergaa kana
ibsuuf walitti hidhamiinsa kallattii kan qabuudha. Seenaa walaloo kana keessatti itti fayyadama
afaanii sirriitti dhimma bahuun faaya seenichaa dabaluu danda‟eera. Walumaagalatti, seenichi
walaloo kanaa amanamummaafi dhugummaa kan qabu waan ta‟eef qabatamummaa jireenya
hawaasa keenyaa kan ibsuudha. Keessuma hariiroo dhala namaafi amantaa jidduu jiru haala
gaariidhaan kan ibsuu danda‟eedha.
Qabiyyeen walaloo kanaa inni guddaan hariiroo dhala namaafi amantii jidduu jiru ibsuudha.
Xiyyeeffannoon walaloo kanaa inni bu‟uuraafi baay‟ee ifee keessatti mul‟atu hariiroo amantaafi
dhala namaa jidduu jiruudha. Ummanni Oromoo amantaa akkamii akka hordofaa tureefi erga
amantaan ormaa gara biyya keenyaa dhufte booda hoo haala kamiin akka hariiroo amantaa sana
faana qabaachaa tureefi jiru kan ibsuudha. Hariiroon kunis bifa garaagaraatiin ibsamuu
yaalameera. Akkan xiinxala walaloo kanarratti taasisee hubadhetti hariiroon amantiifi dhala
namaa jidduu jirtu akkaataan inni itti dhiyaate keessaa dubbii namfakkoonni dubbataniini.
Akkuma olitti xiinxalamuuf yaalametti walaloon kun bifa seeneffama dheeraan kan qindaa‟eefi
qooddattoota of keessatti hammatuun kan ijaarameedha.Haalli namfakkoonni walaloo kana
keessatti dhiyaatanii yoo laalle, haala adda addaati irraa hubanna. Namfakkoonni as keessa jiran
amanamummaa kan qaban ykn kan hin fakkeessineedha. Waloon kun yeroo walaloo kana
keessatti namfakkoota kanneen kalaqu ykn seenessu ija ramaddii 3ffaan ykn ija nama waa hunda
beekuu (akwaaqaan) fayyadamuuni. Dubbii namfakkoonni dubbatanitti fayyadamuun waa‟ee
hariiroo amantiifi dhala namaa jidduu jiru ibsuu yaaleera.Haala dubbii isaanii fakkeenya tokko
tokko fudhannee yoo laalle; Jalqabarratti Obboo Abbaa Xadaa arganna.
Walaloon asiin olii kun akkaataa inni itti dhiyaate yeroo Obboo Abbaa Xadaan Mikaa‟eliitti
dubbatee ijoollee isaa kanneen amaanaa itti kennatuudha. Yaada kana xiinxallee yoo laalle
Mikaa‟eliin akka Waaqaa ykn gooftaatti laallama. Obbo Abbaa Xadaa ammoo Mikaa‟elii kanatti
amanuudhaan ijoollee durbaa akka qaroo ija isaatti laalu sana isaaf jedhee wareegee amaanaa itti
kennachaa jiraachuu isaati nu hubachiisa. Akkasumas, gooftaa kanaaf jedhee yeroo hunda akka
galata galchaa jiraatuufi isatti amanu irraa hubanna.Kuni wilii/waliigaltee dhalli namaa fi waaqni
waliif galuu isaaniiti mul‟isa.Anis kanaan siif godhaa, atis kana naaf godhi jedhanii
waliigaltee/baallama waliif seenan.Akkaataan itti dhiyaate dubbii qolaa keessaa ateessaani.
Ateessa jechuun waan nama bira hin jirre ykn nama jalaa hin dubbanne akka waan nama bira
jiruufi nama dhaga‟utti itti dubbachuudha.
Kan biraa dubbii namfakkoonni walaloo kana keessa jiran dubbatan kan daaqoniifi qeesiin
gubbaa Waachaa haala Obbo Abbaa Xadaa laalanii itti kolfan arganna. Isaanis:
Walaloon kun kan inni mul‟isu amantaa keessatti riqichaafi qajeelfama dhalli namaa ittiin
qajeelfamu kitaaba ta‟uu isaati. Kunis hariiroo dhala namaafi waaqa jidduutti jiru kitaabni
amantii Daawwit jedhamu akka jiru nu hubachiisa. Kunis walaloo kana keessatti bifa ciigootiin
kan dhiyaateedha. Bo‟oon 19ffaan walaloo kanaa “Gadi galagashee daawwitii dubbisa” jedhu
dubbii dachaati. As keessatti jechi dachaa daawwitii dubbisakan jedhu yoo ta‟u; soorgoon isaas
fuullee ykn of ilaalee ilaala jechuudha. Akkasumas sookoon isaa ammoo kitaaba daawwit
jedhamu dubbisa/qo‟ata jechuudha.
Kan biraa wanti walaloodhuma olii kana keessatti mul‟atu Obbo Abbaa Xadaa osoo kitaaba kana
dubbisuu hin beekne garuu waliigaltee Mikaa‟eliif seeneef jecha kitaaba kana baatee akka
deemuudha.Warri abboota amantaa kanaa ta‟an ammoo haala isaa kana ilaalanii akka tuffiif itti
kolfa irraa hubanna.
Dabalataan walaloodhuma olii kana keessatti wanti biro kan natti mul‟atu eenyummaa Obbo
Abbaa Xadaati. Kunis sarara jalqaba walaloo kanaa irratti ibsameera. Obbo abbaa Xadaa
Qannoo ilmi Dhugaasaa kanjedhu kana keessaani eenyummaan isaa ifa bahee mul‟ata. Maqaan
Obbo Abbaa Xadaa inni dhugaa Qannoo ta‟uufi kan abbaa isaas Dhugaasaa akka ta‟e irraa
hubanna. “Qannoo” fi “Dhugaasaa” maqaan jedhu ammoo jecha kallattiidhaan Afaan Oromoo
keessaa fudhatameedha.
Akka yaada kanarraa hubannutti maqaan hedduu wanta murteessaafi eenyummaa nama tokkoo
ykn saba tokkoo kan ibsu ta‟uusaati. Maqaan walaloo olii keessatti ka‟e kunis eenyummaa nama
kanaa Oromoo ta‟uudha nuuf mirkaneessa. Waloon kunis eenyummaa ibsuuf bifa ciigootti
fayyadamee ergaa kan dabarfate ta‟uu isaati irraa hubanna.
Akkasumas walaloon asiin olii kun dubbii gubbaa Waachaatti Siraabeetii fi tikeen, akkasumas
daaqonii fi qeesiin dubbatan kan ibsuudha. Kunis Obbo Abbaa Xadaa isa dubbisuu hin beekne
garuu ammoo kitaaba Daawwit fudhatee akka nama dubbisutti yeroo hunda qabatee deemuun
kana laalanii tuffiif itti kolfuu isaanii mul‟isa. Garuu, bakka kanatti wanti ifee mul‟atu ykn
ergaan isaa amantiin inni hordofaa jiru kun kan isaa kan ganamaa/aslii (indigenous) akka hin
ta‟aniidha. Kunis guyyaa keessaa amantaa ormi itti fide ta‟uudha mul‟isa. Dubbii kana caalaatti
kan mirkaneessu ammaas mee walaloodhuma kana keessaa fudhannee haa laallu:
Dubbiin asii olii kana namni dubbatu qeesiifi daaqonii Waachaa warra turaniidha. Warri kunis
dhalattoota naannichaa akka hin taane dubbiin isaaniitu ragaadha. Waachaa lafti jedhamtu iddoo
galmi Mikaa‟elii itti ijaaramee jiru haa ta‟u malee afaan lafichaafi ummanni irra jiraatus warra
Afaan Oromoo dubbataniiti. Waachaa kun lafa waloon kun (Zalaalam) itti dhalateedha. Lafti kun
godina Wallaggaa Bahaa naannawa magaalaa Naqamteerraa kiilomeetira 15 qofa fagaattee
argamti. Bakki kun Oromiyaa keessa yoo taatu, jiraattonni naannichaas Afaan Oromooti
dubbatu. Akka Waloon Zalaalam Abarraa dubbatutti (gaaffiifi deebii miidiyaa waliin taasise
irratti) hawaasni naannawa Waachaa kun Afaan Amaaraatu akka hin beeyne ibseera. Dubbiin
asiin olii kun jechoonni isaa kallattiin Afaan Amaaraa yoo ta‟u, akkaataan dubbannaa isaa
ammoo gara seerluga Oromootti hamma tokko kan dhiyaatuudha. Kun kan inni mul‟isu
amantaan kun kan guyyaa keessaa gara naannawa kanaa dhufe ta‟uufi dura
bu‟oonni/geggeessitoonni isaas walumaan bakka birootii akka dhufan kan ibsuudha.
Akkasumas walaloo asiin olii kana keessatti wanti mul‟atu sodaa Waaqaati. Kunis wanta inni
raawwateef jedhanii yoo kan dheekkaman ta‟e ittu caalaatti waaqni akka dheekkamee kan caalu
irratti raawwachuu danda‟u ibsa. Akka hordoftoota amantaa kanaatti waan Waaqni godheef akka
isatti dheekkamuun hin barbaachifne argina. Kan biraa wanti asi keessaan mul‟atu akkaataa
ummanni itti waliif dirmatee yeroo namni du‟e/boqote ittiin wal awwaaluudha. Kunis dubbii
qeesiin sun jedhu irraa hubatamuu kan danda‟uudha.
Dubbii namfakkoonni dubbatan keesssaa kan amantaan kun aslii ganama biyya kanaa hin taane
mul‟isu kan biraa ammaas dubbii Obbo Abbaa Xadaa erga intalti isaa jalaa boqatte booda aaree
aariidhaan dubbatuudha. Dubbii inni dubbatu kanas fakkeenya fudhannee yoo laalle:
Walaloon asii olii kanarraa akka hubannutti dubbii qolaa keessaa ateessatti gargaaramuun
quuqaa garaa isaa yeroo miira dheekkamsaan Mikaa‟eliitti dubbatu/arrabsu kan argisiisudha.
Tooniin (haalli dubbannaa) qooddataa kanaa miira aariifi dheekkamsaa kanguutameedha. Sarara
86ffaa walaloo kanaarratti Mikaa‟eliin jiraachuu isaa shakkii akka horachaa dhufe kan ibsuudha.
Sararri 87ffaa fi 88ffaan walaloo kanaas kan ibsu dura isatti waa hunda abdatee galata isaaf galchaa
osoo inni jiruu garuu imaanaa inni isarra kaa‟e dhiisee intala isaa jalaa ajjeesuu isaati.
“Imaanaa” jechuun adaraa, yaboo, dhaammannoo jedhuudha. Kunis waadaa Waaqa wajjiin
waliif galan akka jiru ibsa. Akkasumas sararri 88ffaan kun ammaas kan inni ibsu abbaan
hammam takka akka jaalala ilmoo ofiitiif qabuudha. Jechi inni fayyadamee ilmoo ofii kana ittiin
ibse, “marartuu xobbee mucaakoo” jechuuni. Gaaleen kun jaalala inni isheef qabu akka
gaariitti kan ibsuufi dubbi dhama qabdu turte. “Marartuu” yeroo jedhu leeccalloo inni isheef
qabu mul‟isa. Kan garaa nama balleessitu; gaarii namaa jechuudha. “Xobbee” yeroo jedhu
ammoo kichuu, daa‟ima ta‟uu ishee ibsuufi.
Bo‟oo 89ffaafi 90ffaan walaloo kanaa kun ammoo erga taateen kun uumamee kaasee waliigalteen
dura Waaqa waliin qaban cabuufi ilaalchi dura isaaf qabanis shakkii keessa galuu kan ibsuudha.
Dura gulantaa addaarraa ka‟ee isa laalaa turan. Gulantaa jechuun akka galumsa kanaatti bakka
olaanaa qabaachuufi jechuudha. Akka ilaalcha nama kanaatti namni waaqatti of kenne waan
waaqni isarraa eegu raawwannaan waaqnis waan namni sun isarraa barbaadu akka godhutti
amanu turan. Garuu, intalli tun du‟uun ammoo ilaalcha kana jijjiire. Haata‟u malee, shakkii
keessa galullee namni kun guutumaa guututti abdii isarraa hin kunne. Hamma ta‟e keessatti isaaf
hafteeti jirti.
Bo‟oo 91ffaa, 92ffaafi 3ffaa irraa akka hubannutti ammoo akka ilaalcha nama kanaatti waaqni waan
urgaa‟aa kan ulatu ta‟uu isaati. Kunis „ixaanni‟ waan foolii urgaa‟aa qabu, kan ibiddarratti
naqamu aarri isaa ammoo gara Waaqaa asii olee kan deemuudha. Erga waliigalteen jidduu
isaanii ture kun kabajamuu dhabee cabe booda waan foolii urgaa‟aa qabu sana osoo hin taane
waan ajaa‟aafi jibbamaa ta‟e „faandoo‟ akka ulatu itti himee aarii garaa isaa akka qabanneeffate
walaloo kanarraa hubanna. Faandoo jechuun udaan harree jechuudha. Udaan harreeti ulatta
jedhee itti himuun isaa namni kunakka maleetti gubatee/dheekkamee kan jiru ta‟uu isaati
mul‟isa.
3.3.2. Duudhaa
Qabiyyeen walaloon kun of keessatti hammatee jiru keessaa duudhaan isa tokko. Duudhaan
guddina ummata tokkootiif hedduu wanta barbaachisaadha. Duudhuun kunis seenaa, amantii,
ayyaaneffannaaleefi kkf kan of keessatti hammatee ibsuu danda‟uudha. Ummanni Afrikaas ta‟ee
ummanni Oromoo yeroo dheeraadhaaf ummata duudhaa mataa ofii qabaachaa tureefi dhiibbaa
amantii warra ormaan isaanirratti taasifamaa turanirraa kan ka‟e duudhaan isaanii kan hedduu
jalaa miidhamaa jiru ta‟us as keessatti walaloon kun ibseera. Akkasumas, ummanni beekumsa
ganamaa ofiin kalaqatee itti fayyadamaa ture dhiibbaa amantaafi wantoota biroonis salphaatti
jijjiiruun kan hin danda‟amne ykn balleessuu kan hin dandeenye walaloo kanarraa hubachuun ni
danda‟ama.
Walaloon asiin olii kun ergaan inni dabarsu mucayyoo tun sababni dhukkubsatteef ija namaatiif
jetteeti. Akka amantaa aadaatti ijji namaa yoo nama/waan ta‟e tokko mil‟atte wanti sun
miidhamuudha danda‟a. Bo‟oon 44ffaan yaada kana yoo ibsu, bo‟oon 42ffaafi jalqabaafi 43ffaan
ammoo yaada bo‟oo 44ffaa irratti ka‟e kana dhugaa fakkeessuuf kan ijaarameedha. Kunis mucaan
tun akka dhukkubsattee hin jirre, tasuma qabamuu isheeti irraa hubanna. “Kaleessaa ni
burraaqxii” yeroo jedhu dhibdee takka kan hin qabne, fayyaalettii ta‟uusheetiif ragaadha. Bo‟oo
43ffaa irratti gaaleen jiru mucayyoon tun akka dhukkuba hin qabne tasuma qabamuu isheeti
mirkaneessa. Yeroo wanti akkanaa uumame akka amantaa aadaatti ija namaati jedhanii hiika itti
laachuutu jira. Ergaan as keessaan bahee mul‟atus, ijji namaa hammam takka akka dhiibbaa
uummuu dandeessuudha.
Walaloon asiin olii kun kan inni dhufeef yaada walaloo olii irratti ka‟e sana faana kan wal
faallessu ture. Sababni mucayyoon sun dhukkubsatteef “Ija namaa” osoo hin taane “tolchaani”
jedheeti yaada dhiyeessa. Tolchaanis amantaa aadaati.Kunis yeroo waan tokko ta‟e akkaataa
hawaasni itti hiika laatuudha. Yeroo namni tokko dhukkubsate akka waan falfalli/tolchaan itti
hojjetametti fudhatu.
Bo‟oon walaloo kun yaada olitti dura ka‟e sana mormuuf kan dhufeedha. Akka amantaa aadaatti
yoo waa nama rukutes akka dhukkubsachuun danda‟amu ni amanama. Dhukkuboota haala
kanaan nama qabees qoricha aadaatti dhimma bahuun haala itti wallaadhanantu jira. Kanas
qabiyyee qoricha aadaa jedhu jalatti kanan xiinxala isaa kennu ta‟a.
aadaa kunis kan hawaasni wantoota uumamaan argaman kanneen akka baalaa, hiddaafi firii
mukaarraa, rifeensaafi gogaa bineeldotaarraa ogummaa mataa isaaniin qopheessuun
qorichummaaf itti gargaaramuudha. Walaloo kana keessaa fakkeenya qoricha aadaa jiru
fudhannee mee haa laalluu:
Fakkeenyonni asiin olitti dhahaman/tuqaman kunneen qorichaa aadaa faana kan wal
qabataniidha. Kunis qoricha hawaasni tokko beekumsaafi dandeettii ofiitti fayyadamee dhimma
itti bahu kan ibsaniidha. Dhukkuba mucayyoo kanaaf qoricha barbaaduuf jedhaniiti qorichoota
bakkoota hedduu deemanii beekaa iyyaafatanii itti barbaadaa jiraachuu isaaniiti mul‟isa. Kun kan
inni mul‟isu akkaataan qorichoonni aadaa itti qophaa‟aniifi maalirraa akka qophaa‟an iccitii
ta‟uu isaati nu hubachiisa. Kunis kan inni mul‟isu qorichi aadaa hammam takka iccitiidhaan akka
qabamuudha. Kanaaf jedhaniiti namatti hin himamu. Kunis namicha/ogeessa sana qofaatu beeka
malee namoonni hunduu hin beekan jechuudha. Sababni isaas: qorichi qophaa‟u sun akka humna
qorichummaa hin dhabneef; akka madda galiitti waan tajaajiluuf; qorichoonni tokko tokko waan
jibbisiisaa irraa waan hojjetamaniif; qorichoonni tokko tokko nama fayyisuu qofa osoo hin taane
nama miidhuu waan danda‟aniif xiinsammuu hawaasaa eeguuf; ogeeyyiin yommuu qoricha kana
baratan akka nama birootti hin himneef waadaa waan seenaniif; sanyiin daddarba jedhanii waan
yaadaniifi kkf ta‟uu danda‟a. Walaloo kana keessattis qabiyyeen qoricha aadaa baldhinaan
ibsameeti jira.
fageenya qabaatuuf gumaacha guddaa ooleera. Waloon kun yeroo walaloo kana barreessu biyya
keessa taa‟ee osoo hin taane biyya alaa (Fiinlaandi) taa‟eeti ture. Garuu, akkaataan walaloo kana
itti qindeesse haala qabatama ummata Oromoo kallattiin bifa ibsuu danda‟uun ture. Sanuu
ilaalchaafi falaasama, aadaafi safuu, akkasumas haala sabni Oromoo keessa jiruufi egeree
sabichaas ibsuun dhiyeesse. Akkasumas jechoota ummanni Oromoo baadiyyaa itti fayyadaman
fayyadamuudhaan ture.
Itti fayyadama jechootaa kana ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo wajjiin waloon
Dr. Zalaalam Abarraa kun taasise irratti akka jedhetti, “Kanan dhaladhes baadiyyaatti
yommuu ta‟u jireenyikoos qote bulaa wajjiin walqabata, abbaankoos qote bulaadha,
qe‟een itti guddadheefi namoonni na guddisanis Oromoodha,” jedha. Akka yaada isaa
kanarraa hubannutti akkaataa guddina isaa dandeettii har‟a walaloo barreessu kanaaf gumaacha
guddaa kan isaaf buuse ta‟uudha.
Walaloo kana keessatti itti fayyadama jechootaa irratti jechoota dhama qaban kan dhaamsi isaa
gadi fagoo, yeroo dubbisanis akka namuu itti hiikkachuu danda‟utti barreeffameera. Mi‟aan
walaloo kanas ciigoo, jechamaafi dubbii qolaatti akka gaariitti fayyadamuu isaati. Asirratti
akkaataa waloon kun itti fayyadama afaanirratti dhimma bahe osoon hin dinqisiifanne bira
darbuu hin barbaadu. Dhugumatti waloo kanaaf itti fayyadamni afaanii akka nama ajjeesu ykn
nama kaasu sirriitti tolchee nama beekuudha. Kun dandeettii ykn cimina waloo kanaa kan
agarsiisudha.
5. Mitiyee 9
11.84%
6. Ateessa 3
3.94%
7. Habalaka 2
2.63%
8. Iddeessaa 3
3.94%
9. Walbira qabuu 13
17.1%
Waliigala 76 100%
3.5.1.1. Akkasaa
Akkasaan gosoota malleen dubbii keessaa isa tokko ta‟ee jechoota „akka‟ jedhamaniifi
„fakkaata‟ jedhamanitti dhimma bahuun wantoota lama wal cinaa qabuun isa tokko isa biraatiin
kan ilaaluudha. Maalummaa akkasaa kana Fedhasaan (2013:97) yoo ibsu, “Akkasaan
waldorgomsiisa wantoota lamaati. Kana jechuun jechoota akka, fakkaata, caala, hamma
jedhan gargaaramuun waldorgomsiisa. Garuu, akkasaan walfakkeenya tokko karaa dhokataa
ta‟een ibsa,” jechuun ibsa. Walaloo kana keessattis akkasaan bakkoota baay‟eetti argama.
Akkasaa walaloo kana keessa jiru fakkeenya fudhannee bifa armaan gadii kanaan ilaalla.
3.5.1.2. Nameessuu
Naamessuun jechuun amala dhala namaa, lubbu qabeessaa yookaan lubbu maleessa biroof
kennuun dandeettii/amala dhala namaa gonfachiisuun mala ittiin ibsuudha. Haaluma kanaan
walaloo Obboo Abbaa Xadaa jedhu keessatti malli dubbii nameessuu mul‟atan haala armaan
gadiin kanaan dhihaatee jira.
3.5.1.3. Anyarsee
3.5.1.4. Arbeessuu
Arbeessuun amala wanti tokko qabu gar-malee ol kaasuun ykn gar-malee gadi buusuun ibsuuf
kan gargaaruudha. Kana jechuun yaada tokko guddisuufi xiqqeesuun ibsuuf kan tajaajiluudha.
Arbeessuun dhugaa jiru tokko irratti garmalee dabaluudha. Malli dubbiii kun ol kaasanii
mul‟isuuf yookiin miira dinqisiifannaa nama keessatti uumuuf fayyada. Walaloo kana keessattis
arbeessuun bakkoota baay‟eetti barreeffamee mul‟ata, Fakkeenya fudhannee yoo laalle:
3.5.1.5. Mitiyyee
Mitiyyeen dubbiiwwan haalawaa keessaa tokko yeroo ta‟u, wanti raawwatamu dhugaa ta‟us
haalli keessatti mul‟atu faallaa wanta jedhamuuti. Wanta sirriifi sirrii hin taaneetu walduuka
hiriira. Kana jechuun ergaan darbuu barbaadame kallattiidhaan osoo hin taane faallaadhaani
dhiyaata. Garuu, hima lama kan yaada wal faallessu ta‟uyyuu kan dhugaa of keessaa qabuudha.
Walaloo kana keessattis mitiyyeen baay‟inaan mul‟atee jira. Kanas fakkeenya fudhachuun haala
armaan gadiitiin ilaalla.
3.5.1.6. Ateessa
Ateessa jechuun waan nama bira hin jirre ykn nama jalaa hin dubbanne akka waan nama bira
jiruutti fudhachuun ofitti dhiyeessinee waliin dubbachuu, gaaffii gaafachuufi kadhachuu kan of
keessaa qabuudha. Kunis akka waan nama dhaga‟utti itti dubbachuudha. Walaloo kana keessatti
malli dubbii qolaa kun akkamitti akka dhimma itti bahame fakkeenya fudhannee haala itti
aanuun ilaalla.
Hafeen kun walaloo kana keessaa kan fudhatameedha. Kana keessattis dubbiin qolaa ateessa
jedhamu ni mul‟ata. Kanaanis Abbaan Xadaa waan isa bira hin jirretti akka waan isa bira jirutti
ijoollee isaa akka isaa tiksu itti dhaammachaa akka jiru irraa hubanna.
Toora walaloo kanarrattis ateessi mul‟atu yeroo intalli Obboo Abbaa Xadaa dhukkubsattu,
Mikaa‟eliin akka ishee fayyisuuf yeroo itti waywaatan argisiisa. Yeroo kana dubbatanis akka
waan isaan dhaga‟utti itti haasa‟u.
Walaloo kana keessatti ateessi mul‟atu, Abbaan Xadaa yeroo intalli isa boqottu Mikaa‟elii dura
ijoollee isaa amaanaa itti kennate sun waadaa waan cabseef dheekkamee akka waan isa bira
jirutti akka itti dubbachaa jiru irraa hubanna.
Iddeessuun wanta tokko waan birootin bakka buusanii ibsuudha. Walmadaalchisuun iddeessuu
keessatti yeroo hunda fuulleefi fuullettti kan hinmul‟annee haata‟u malee jira. Yaada kanarraa
kan hubatamu wantoota adda addaa bakka walii buusuun, waan tokko isa birootin dorgomsiisuun
akka danda‟amuudha. Kunis wantoonni bakka walii bu‟an kun gosaafi amalaan kan wal-
hinfakkaanne yemmuu ta‟an, wantoota kana bakka walii buusuun itti gargaaramuun kunis
iddeessuu jedhama. Walaloo kana keessatti iddatteessuu jiru fudhannee yoo laalle:
Malli dubbii kun dhaamsa tokko faallaa isaatiin dabarsuuf kan gargaaruudha. Kana jechuun
dhaamsa osoo ifatti hinbaasiin karaa dhoksaa ta‟een dabarsuuf kan gargaaru jechuudha. Kunis
jechoonni hiika kallattii achi keessa jiran hiika faallaa wanta yaadamee sanaa ta‟ee kan
argamuudha. Habalakni mala yaada duraan dhugaan jiru tokko faallessinee agarsiisnudha.
3.5.1.10. Suuressoo
hubannoo dubbisaan walaloo irraa argatu sana ta‟a jechuudha. Walaloo kana keessatti malli
suuressoo argaman haala itti aanu kanaan dhiyaateera.
Walaloo kana keessatti suuressoon mul‟atu kan biraa toora 59-69‟tti kan jiraniidha. Kunis yeroo
mucayyoo dhukkubsatteef qoricha barbaaduuf kallattiiwwan adda addaatiin kaan Koomboo,
Saasiggaa, Abaaloo, Soonkooraa, Loomica, Laga gumbii, Laga Suuloo, Soorgaa, goodaa Cirrii,
Boolloo, Kormoommii, Koomtoofi lafoota naannawa kanatti dhiyeenya qabanitti namoota
erganii namoonni fiigaa gara ergamanitti kaatan sammuu keenya keessatti bifa suuressootiin kan
kalaquudha.
3.5.1.11. Fakkee
Fakkeen waan tokko waan ijaan hin mul‟anne ykn waan mul‟atuun bakka buusanii mallattoo
waan biraa bakka bu‟u ibsuudha. Fakkeen akaakuu malleen dubbii wantoonni caasaafi hiikaan
walgitan yemmuu irra deddeebi‟amanii dhufan/galan kan ibsuudha. Walaloo kana keessatti
kanaan walqabatee wantoota dhiyaatan fakkeenya fudhachuun haala itti aanuun ilaalla.
Kun malleen dubbii keessaa tokko yoo ta‟u, haala wantoonni adda addaa hawaasa biratti
beekaman kanneen akka aadaa, safuu, amantii, duudhaafi kkf ittiin wal qabsiisanii ija
barreessaatiin ibsamaniidha. Kunis barreessaan yaada barreessu sana waan biroon walqabsiisee
akka barbaadutti barreessuu akka danda‟u kan mul‟isuudha. Waloon kunis hariiroo amantaafi
dhala namaa jidduu jiru faana wal qabsiisuun yaada ibsachuu barbaade ibsachuu danda‟eera.
Fakkeenyaaf, walaloo kana keessatti duudhaan walqabsiisee akkaataa ummanni kun beekumsa
ganamaatti fayyadamee itti wal wallaannatu kaasee ibseera.
Akkasumas walaloo kana keessatti walqabsiisuun jiru jiruufi jireenya keessatti taateewwan nama
mudataniifi wantoota yeroo adda addaatti uumamaa deeman kaasuuni. Kunis jireenyi keessatti
guyyumaan guyyaatti muuxannoof mudannoowwan dhala namaa qunnaman baay‟eedha kaasa.
Waliigala 100%
Namni M. H. Abrhams (1999) jedhamu yeroo ibsu “Alliteration is the repetition of a speech
sound in a sequence of nearby words. The term is usually applied only to consonants, and only
when the recurrent sound begins a word or a stressed syllable within a word,” jechuudhaan ibsa.
Akkuma yaada kanarraa hubannutti, Sagaleen dubbifamaa wal fakkaatu yeroo irra deddeebiin itti
fayyadamnu kan ibsuudha. Walaloo kana keessattis irra deddeebiin sagalee dubbifamaa jalqaba
jechaa irratti bakkoota baay‟eetti kan argamuudha. Allitereeshiinii as keessa jiru kunis:
Sarara walaloo kana keessatti sagaleen /tn/ jedhuufi /bn/ jedhu irra deddeebi‟ee mul‟ata. Kunis
akkaataa itti walitti dhufe sagaleen /b/ jedhuufi /t/ jedhu akkaataa uumamsaani. Kunis isaan
lachuu cufaan warra uumamaniidha.Amalli isaanis walitti dhiyeenya qaba.Sagaleewwan kunneen
yeroo uumaman wal-tuquu qaamolee dubbii bu‟uureffachuuni. Kunis daandii qilleensaa haala
uumamsa sagaleewwan kanarratti qooda fudhatanii yeroodhaaf cufuudhaan yogguu gadi
lakkifaman kan mul‟atuudha.
Kun sagaloota wal fakkaatan dhuma sarara/bo‟oo walaloo ykn barreeffama tokkoo irra
deddeebi‟uun dhufuudha. Kunis bo‟oo walitti aanan lamarratti ykn akkaataa biroon dhufuu kan
danda‟uudha. Unanni sagalee walaloon sun yeedaloo akka qabaatu taasisa. Wantoota walaloon
tokko of keessaa qabaachuu qaba keessaa unanni isa tokko. Unata sagalee walaloo kana keessa
jiran yoo xiinxalle ilaalle:
Maqa jechootaa kan jennuun waloon jechoota haaraa afaan sana keessa hin jirre uumee ykn
ergisaa fayyadameedha. Walaloo tokko keessatti waloon sun maqa jechootaa fayyadamuun
mirgoota waloon sun qabuudha.Wanti isa daangessu hin jiru.Walaloo kana keessatti maqni
jechootaa bakkoota baay‟eetti argama. Maqni jechootaa waloon kun fayyadame caalaatti walaloo
kana miidhagina gonfachiise.
As keessatti maqni sagalee mul‟atu sirna haqiinsa sagalee dubbachiiftuuti.Kunis jecha „amantee‟
jedhuufi „isaatu‟ jedhu keessaatti hiriira sagalee keessaa sagalee /i/ haquuni.
Jechi kun hiikaaf jecha bakka kana dhufe. Hiikti isaa kennaa godhee laate jechuudha. Jechi kun
osoo galumsa kana keessa ta‟uu baatee bakka birootti hiika biraati laata.
Jechi kutate jedhu kun akkaataa galumsa kanaatti abdii murachuu isaa nuuf ibsuuf kan galeedha.
Galumsa biro keessatti jechi kun hiika birooti nuuf laata.
Haa soqu....!
Hiikti jecha kanaa akkaataa galumsa kanaatti barbaaduu jechuudha.Galumsa biro keessattis hiika
birooti laata.
Hiikti jecha kanaa akkaataa galumsa kanaatti barri gara fuulduraatti deemuu isaa kan ibsuudha.
Osoo galumsa kana keessa ta‟uu baatee hiikti jecha kanaa wanta tokko rukutuuf itti jechuu, itti
darbachuufi kan birollee ta‟uu danda‟a.
Jechoonni loogaa kan uumaman dubbattoonni sababa adda addummaa teessuma lafaarraafi
caasaa hawaasummaan kan uumamu ta‟ee: adda addummaan kunis: sadarkaa sagaleetti,
jechaatti, darbee darbee sadarkaa qindoomina himaatti kan mul‟atuudha.
Walaloo kana keessatti maqni loogaa bakkoota baay‟eetti ni argamu. Garuu, walaloo kana
keessatti caalaatti miidhagina gonfachiise jedhee yaadu keessaa looga naannawa tokkoo
qofarratti hundaa‟ee barreeffamuu dhabuu isaati. Looga naannawa adda addaatu keessatti
mul‟ata. Kunis walkeessa makuun itti fayyadamuu danda‟eera.Kun inni mul‟isu akka xiinxala
kootti cimana waloon sun qabuudha. Looga baay‟eetti fayyadamee barreessuun isaa kun hiika
jal‟isuuf osoo hin taane miidhagina walaloo kanaa dabaluuf kan itti fayyadameedha. Maqa
loogaa kanas fakkeenya fudhannee yoo xiinxalle haala armaan gadii kana ta‟a.
Gaaleen asiin olii kun kan inni dura ture „tosha‟ osoo hin taane „tolcha‟ ture. Innis akkaataa
galumsa kanaatti ergaan inni dabarsuuf/ibsuuf dhufe, amantii aadaa ibsuuf ture. Akka hawaasni
amantaa aadaatiin wanta tokkoof hiika itti laatan sana ibsuuf kan fayyadameedha. Hiikni jecha
“tolcha” jedhuu kunis “falfala” yookaan waa namatti godhuu jechuudha.
130 Jedhee dubbii hunkuree, warri saatto mootii, warri baaltii baaltu
11 Hoo qubaakeen jedha ani siinan amanaa.
Jechi hooqubaa kee jedhu kun jecha loogaa yoo ta‟u hiikti jecha kanaa galata kee jechuudha.
Kunis amantaa keessatti Waaqaaf galata galchamuuf kan jedhamuudha.
Bo‟oo walaloo kana keessatti jechi “tabjaaja‟aa” jedhuufi “doofaa” jedhu jecha loogaati. Hiikni
jecha kana lamaaniitu walfakkeenya kan qabuufi walitti dhiyaatuudha. Hiikni jecha kanaas
gowwaa, nama homaa hin beekne jechuudha.
Jechi asiin olii kun jecha loogaa yoo ta‟u innis jecha lamarraa kan uumame jecha makooti. Jechi
irraa uumames teellaa kan jedhuufi isaatiin kan jedhuudha. Hiikti isaa boodarraa ykn isa boodaa
isa hamatu jechuudha.
Jechi gurraanchomfame kun jecha loogaati. Hiikti isaa akka looga Harargeetti „haaggachuu‟
jechuudha. Waan tokko/ nama tokko rukutuuf dhagaa/ulee itti fudhatanii darbachuuf jedhuu ibsa.
Haa ta‟u malee, akka galumsa walaloo kanaatti barri fuulduratti ce‟aa jiraachuu ibsa.
Jechi „kaatu‟ jedhu kunka‟uu jedhu irraa uumame. Akkaataa galumsa kanaatti hiikni jecha jala
sararamee kun fiiguu, ce‟uu jechuudha.
Naqata jechuun aadaa fuudhaafi heerumaati. Naqanni kun bakka hundatti jecha beekamuu
miti.Hiikti isaa kaadhimatanii fuudhuu jechuudha.
Gojomii jechuun nama hawwisiisuu, hamilchiisuu, barbaaduu, itti gororuufi kan birooti ibsa.
Mata bowwuu jechuun garmalee nama kan dhukkubu osoo hin taane xiqqo mataan nama
dhukkubuudha. Bakkee jechuun ammoo dirree, raasaa jechuudha.
Gatiitii jechuun ceekuu, gurmuu, qonyee jechuudha. Jechi kunis jecha loogaati. Hiikti isaas
bakka harki irraa ka‟u gubbaa kan jiruufi naannawa morma namaatti dhiyaatee kan argamu
jechuudha.
Ramacii jechuun ibidda diimaa kan akka looga Harargeetti dhamala ibiddaa jedhamuudha. Cilee
ibiddaa osoo sadarkaa daaraa irra hin gahin diimattee jirtu sana jechuudha.
Badduu baate jechuun mucaan tun ni duute/boqatte ykn aara galfatte jechuudha.
Hiikti jecha fajajee jedhuu kun wareeraranii of wallaalanii dhaabbachuu jechuudha. Kunis
Raata‟uu jechuus ni ta‟a.
Wabiilee
Ackema, Peter and Neeleman, Ad. (2007). Beyond Morphology: Interface Conditions on Word
Formation. New York: Oxford University Press Inc.
Ahmed, Mumtaz and Irshad, Ayesha. (2015). Stylistic Analysis of Robert Browning‟s
Poem.Advances in Language and Literary Studies No. 4; August 2015
Doi:10.7575/aiac.alls.v.6n.4p.11 retrieved from
http://dx.doi.org/10.7575/aiac.alls.v.6n.4p.11
Arikan, Arda. (2015). Doing stylistic analysis: some fundamental techniques. 15th International
Stylistics Symposium retrieved from
http://aves.akdeniz.edu.tr/YayinGoster.aspx?ID=2744&NO=119
Aulia Putri. (2018). Stylistic Analysis Of The Poem “During Wind and Rain” By Thomas
Hardy.Anglo-Saxon, Vol. 9, No.2 :169-182.
BBC Afaan Oromoo. (2018). Gaaffiifi Deebii Dr. Zalaalam Abarraa wajjiin taasise: Sagantaa
Raadiyoo, BBC Afaan Oromoo: Naayroobii, Gurraandhala 21, bara 2018.
https://www.bbc.com/afaanoromoo
Berhanu Mathews. (2009). Fundamental of Literature: Addis Ababa: Alpha Printers PLC
Khan, et.al. (2015). Stylistic Analysis of the Short Story „The Last Word‟ by Dr. A. R. Tabassum
Advances in Language and Literary Studies Vol. 6 No. 3,
Doi:10.7575/aiac.alls.v.6n.3p.10 retrieved from
http://dx.doi.org/10.7575/aiac.alls.v.6n.3p.10
Leech, G., and Short, M.H. (1981).Style in Fiction: A linguistic introduction to English Fictional
prose. London: Longman.
Misgaanuu Gulummaa. (2012). Biiftuu Guddina Afaanii. Finfinnee: Mana Maxxansaa Subii.
Sardar Fayyaz ul Hassan.(2012). A Stylistic Analysis of Iqbal's Shikwah.Strength for Today and
Bright Hope for Tomorrow, 12(5): 324-349.
Straus, Jane. (2008). The Blue Book of Grammar and Punctuation (10th ed). San Francisco: A
Wiley Imprint.
Zalaalam Abarraa. (2017). Obomboleettii: Obboo Abbaa Xadaa. Finland: Dhaabbata maxxansaa
KTMP Group Korsholm Vasa/Finland.